Biyyi Kan Ijaaramtu Beekumsa Sammuu Dhalootaa Keessa Jirun – Kantiibaa Adaanech Abeebee

You are currently viewing Biyyi Kan Ijaaramtu Beekumsa Sammuu Dhalootaa Keessa Jirun – Kantiibaa Adaanech Abeebee

AMN PLUS – Guraandhala 28/2018

Kantiibaan Bulchiinsa magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee,Sirna Eebbaa Kitaabaa mata dureen isaa ‘Adwaa

Injifannoo Cululuqaafi Yaadannoo Waloo Itoophiyaanotaa’ jedhu irratti argamuun haasawaa taasisanii, Waggoota 130 dura goototni keenya injifannoo dhiigaa fi lafee isaaniitiin Galmeessaniin dhalootni har’aa seenaa kolooneeffattootaa osoo hin taane warra seenaa Injifannoo himan taaneerra jedhaniiru.

Goototni keenya kaleessa garaagarummaa qaban cinaatti dhiisanii birmadummaa biyyaaf tokkummaan dhaabbachuun, injifannoo galmeessaniirus jedhaniiru.

Biyyi kan ijaaramtu beekumsa Sammuu dhalootaa keessa jiruun waan ta’eef, akkuma waloon Pirojektoota gurguddoo akka hidha Haaromsaa Guddichaa Itoophiyaa milkeessine, fuula durattis tokkummaan dhaabbannee badhaadhina Itoophiyaa galmaan geenyas jedhaniiru Kantiibaa Adaanech.

Yoo waltumsine rakkoon ce’uu dadhabnu tokkollee hin jiru kan jedhan Kantiibaa Adaanech,dhalootni har’aa hiyyummaa seenaa taasisuun maqaa gaarii Itoophiyaa itti fufsiisuun nurraa eegama dhaamaniiru.

Yaaddessaa Geetaachootu gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply