Kantiibaa Adaanech Abeebeen ijaarsa gamoo mannee jireenyaa abbaa darbii 8’f dhagaa bu’uuraa kaa’an

You are currently viewing Kantiibaa Adaanech Abeebeen ijaarsa gamoo mannee jireenyaa abbaa darbii 8’f dhagaa bu’uuraa kaa’an

AMN PLUS- Bitootessa 02/2018

Manneen dulloomoo kana dura turan kaasuun ijaarsa gamoowwan abbaa darbii 8’f dhagaa bu’uuraa kaa’uu Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen himan.

Kantiibaa Adaanech miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniin “Manneen duraan turan Shan kaasuun hawaasa bakka saniifi kanneen biroo manneen kukkufoo keessa jiraatan dabaluun manneen haaraa ijaaramanitti galchuufi gamoo dabalataa lamaaabbaa darbii 8 ijaarsisuuf dhagaa bu’uuraa kaa’uu ibsaniiru.

Sirna dabarsa manneenii hojii riifoormii bu’uuraatiin iftoomina hojimaataa uumuun uummata fuulduratti carraa ba’uun furtuun kennamaa jiraachuus eeraniiru.

Baasii ijaarsa gamoowwan haaraa uwwisuun tumsanii ijaaruuf waadaa kan seenan Baankii Awaashiifi Dhaabbata Al-ergiifi Fichisiisaa Oomishaalee Dheedhii MNRC galateeffataniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply