Dhaabbileen amantaa ijaarsa biyyaafi dhaloota naamusaan qaruu keessatti qooda olaanaa qabu – Jamaaluu Jambar (PhD)

You are currently viewing Dhaabbileen amantaa ijaarsa biyyaafi dhaloota naamusaan qaruu keessatti qooda olaanaa qabu – Jamaaluu Jambar (PhD)

AMN PLUS – Bitootessa 02/2018

Yaadama Mootummaa Ida’amuu Dhaabbilee Amantaaf mata duree jedhuun Abbootii Amantaa Islaamaa waliin Kutaa Magaalaa Gullalleetti Mariin taasifameera.

Maricharratti kan argaman Sadarkaa Kantiibaa Itti Aanaatti Hoogganaan Biiroo Paabilik Sarvisiifi Qabeenya Humna Namaa Magaalaa Finfinnee Jamaaluu Jambar (PhD) dhaabbileen amantaa miira wal gaareffachuu keessaa bahanii tokkummaan amantaa isaanii eeggachaa misoomaafi ijaarsa biyyaa irratti akka fuulleffataniif hojii bal’aan jijjiirama booda hojjetameera jedhaniiru.

Dooktar Jamaaluun itti dabaluun qaamolee amantaa dahoo godhatanii wal amantaan dhaabbilee amantaafi mootummaa gidduu akka hin jiraanne taasisaan of gidduudhaa baasaa nageenya mirkaneessaa harka walqabannee misoomarratti haa xiyyeeffannuu hubachiisaniiru.

Hoji Raawwachiisaa Olaanaan Kutaa Magaalaa Gullallee Obbo Waldee Wagasee jijjiirama booda misoomni gurguddoon kan itti hojjetamuu eegalan Gullalleetti ta’uu himanii, isa humna dhabe deeggaraa harka wal qabannee tokkummaan nageenya keenya eeggachaa misooma bu’aa qabuufi hundi qixa irraa fayyadamu uumuuf hojjechuu qabna jedhaniiru.

Gabaasni kan Abdiisaa Fufaati

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply