Boba’aan Tilamaama Gatii Kaa’ameef Oliin Gabaarra Oolaa Jira – Ministeera Maallaqaa

You are currently viewing Boba’aan Tilamaama Gatii Kaa’ameef Oliin Gabaarra Oolaa Jira – Ministeera Maallaqaa

AMN PLUS – Bitootessa 02/2018

Qaamoleen garaagaraa sababa hin jirre uumuun boba’aan tilamaama gatii kaa’ameef oliin gabaarra Oolchaa jiraachuu Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shidee ibsan.

Obbo Ahimad Shidee bittaafi gurgurtaa boba’aa ilaalchisee ibsa kennaniin, mootummaan dhiyeessii boba’aaf deeggarsa olaanaa taasisaa jiraachuu ibsuun qaamoleen kana hunda cinaatti dhiisuun sababa hin jirre uumuun boba’aa tilamaama gatii kaa’ameefin ala akka barbaadanitti gurguran harka isaanii sassaabbachuu akka qaban hubachiisaniiru.

Qaamoleen boba’aa tilmaama gatii kaa’ameen olitti gurguran to’atamaa jiru kan jedhan Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shidee boba’aan tilamaama gatii kaa’ameefin oliin gabaaf dhiyaachaa jiraachuu qorannoon bira gahamuus eeraniiru.

Ministirichi ibsa kennaniin qaamolee gocha seeraan alaa kana raawwatan to’achuun eegalamuus ibsaniiru.

Hojiin seera kabachiisuu eegalame cimee kan itti fufu ta’uu ibsa kennaniin kan hubachiisan Obbo Ahimad Shidee lammiileen biyyatti qaamolee boba’aa tilmaama gatii kaa’ameen olitti gurguran yoo argan eeruu kennuun deeggarsa akka taasisan waamicha dhiyeessaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply