Nama Qabna! Nama Fakkii Kaasu! Har’a Lubbuun Dhibus, Ashaaraa Jiraatu – Artiisti Looreet Lammaa Guyyaa

You are currently viewing Nama Qabna! Nama Fakkii Kaasu! Har’a Lubbuun Dhibus, Ashaaraa Jiraatu – Artiisti Looreet Lammaa Guyyaa

‎AMN PLUS – Bitootessa 2/2018

‎Nama keessa namni jira. Tokko miila qajeela. Inni biroo ammoo harka qajeela. Warreen kaan sammuun qaramuun Addunyaaf qoricha tahuun barbaadamu.

Oromoon Nama Qaba! Nama Fakkii Kaasu! Har’a Lubbuun Dhibus, Ashaaraa Jiraatu hangafticha Artiisti Looreet Lammaa Guyyaa, nama harka qajeelu, soora qalbii sammuu Addunyaan leellistu.

Har’a wanti hojjennu yoo sirrii tahe, qajeelummaas qabaate gara fuulduraa jiraannus dhiisnus ofiin of-hima. Dhalootnis dhugaa bahuuf hin rakkatu. Artiisti Looreet Lammaa Guyyaa nama akkasiiti.

Looreetichi ogummaa fakkii kaasuun uumaan harka qajeelche uumama kuulee sararuun bara jireenya isaanii raajeffatamaniiru. Namni akkasii har’a lubbuun jiraachullee baatu, ni boqote, Addunyaa kanarraa deemeen qaamaan malee yaadaan darbee jiraata.

‎Nama akkasii dachee Oromiyaa Godina Shawaa Bahaa Magaalaa Bishooftuutu biyyaaf arjoome. Addunyaan raajeffatameera.

Artiisti Looreet Lammaa Guyyaa umrii isaanii ijoollummaa irraa fakkii kaasuufi meeshaalee waraanaa garaagaraa ilaaluus qaqqabuus akka jaallatan seenaan durduubee keessa darban ifoomseera.

Yeroo umriin isaanii barnootaaf gahu barnoota itti fufuun sadarkaa 1ffaafi 2ffaa Bishooftuutti xumuruun Koolleejjii Barsiisota Adaamaatti imalan.

Looreetich garuu erga Magaalaa Adamaa maqaa barnootaan gahanii booda onneen gootummaa dhaga’aa guddatan akka gara miseensummaa humna waraanaa biyyattiin qabduutti makaman isaan kakaasuun ibsameera.

‎Wanti keessa Looreetichaa bubbule, bultii keessa toora qabachuun miseensa humna qilleensaa Itoophiyaa tahuun bu’aa ba’iin jireenyaa akka dhugoomeef kan himame yoo tahu leenjii bu’uuraa kennameef qabxii gaariin goolabuurra darbanii dhaloota hedduus barsiisuu danda’aniiru.

‎Artiisti Looreet Lammaa Guyyaa achumatti kennaa ganamaa uumaan badhaasetti fayyadamuun harka qajeelaa sanaan fakkiiwwan dhimmoota aadaa, eenyummaafi miidhagina biyyaa calaqqisiisan baasan mul’isuun baay’een harka afaanirra keewwachuun akka isaanii dinqisiifatu hojiin amansiisaa turan.

Fakkiin Looreetichi kaasan qalbii namaa hawwachuu dabalatee seenaafi duudhaa uummataa sirriitti calaqqisiisa turuu hedduun dhugaa ba’u.

Barsiisaa malee fakkii kaasuu kan baran Artiisti Looreet Lammaa Guyyaa dandeettii qaban ijoollee isaanii dabalatee dargaggoota biroo dhaalchisaa akka turanis keessa beektootni ragaadha.

Looreetichi yeroo ammaa lubbuun jiraachuus baatan hojiin seenaa qabu qalbii namoota hedduu booji’e, soora qalbii sammuus tahuun dinqisiifannaa hedduu qabu bara baraan awwaala isaanii ol tahuun seenaa waliin dhalootaaf darbaa jiraata.

Maarree seenaa Looreet Lammaa Guyyaa dhalootaaf gudunfuu kan kaayyeffate ‎Biiroon Aadaafi Aartii Magaalaa Finfinnee hojii aartii Artiisti Looreet Lammaa Guyyaa keessatti Itoophiyaa ilaalla mata duree jedhun ogeeyyii Aartii waliin marii taasiseen seenaan isaanii akka hin dagatamneef ga’ee isaa bahuuf qophii ta’uu kan ibsees dhimmoota Finfinnee tibbanaa keessaa isa ijoodha.

Daraartuu Tarreessaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply