AMN PLUS – Bitootessa 11/2018
Ayyaana Iid Al-Faxirii sababeeffachuun Magaalaa Finfinnee iddoowwan adda addaatti baazaarii fi egzibiishiniin halluu garaagaraa miidhaginaaf oolan qaban banamaniiru.
Isaan keessaa tokko baazaarii dubartootaaf miidhagina kennu yoo ta’uu kunis ogeeyyii hiinaa dubartootaaf miidhagina kennu ogummaadhan boca adda addaatiin hojjetama.
Ogummaan hiinaa seenaa bara dheeraa waggaa kuma 5 tti siqu kan qabu yoo ta’u, yeroo dheeraaf biyya Ijiptitti kan beekamuu yeroo ammaa Itoophiyaa dabalatee biyyoota hedduu keessattis baratamaa dhufeera.
Baazarii ogummaa hiinnaa kana kan qopheessan Aadde Habiiban dubartootni baay’een ogummaa kana qopheessuuf dandeettifi fedhii qabatanis iddoon itti qophaa’u gahan akka hin jirres AMN’tti himaniiru.
Dubartoota mana isaanii keessatti ogummaa hiinnaa kana hojjetan walitti qabuun iddoo tokkotti baazaariin qopheessuun yeroo ayyaanaatti galii ofii isaanii akka argatanifi akka jabaatan kan gargaaru ta’us Aadde Habiiban ibsaniiru.

Dabalatanis maammiltoonni mana hojii hiinaa keessatti hiriira dheeraafi rakkoo isaan mudatu hambisuuf, baazariin akkanaa kun furmaata guddaa akka ta’es dubbataniiru.
Ogeeyyiin ogummaa hiinnaa irratti bobba’an Aadde Hasannaa Sulxaaniifi Hikmaa Jamaal baazaariin akkanaa kun carraa hojii uumuu caalaa dhiphina yeroo ayyaanaa hir’isuun dubartootaf yeroo gabaabaa keessatti tajaajila miidhaginaa kennuun akka danda’ames ibsaniiru.
Namootni baazaricha daawwataniifi tajaajila argatanis qophiin akkanaa kun akka isaan gammachiise ibsaniiru.
Tajaajilamtootni Mariya Mahaammadiifi Rihanaa Diinuu tajaajilli akkanaa jiraachuun isaa dabareen hedduun waan hin jirreef hojii gaarii nuuf hojjetanii gammachuun ayyaanaaf qophaa’uuf haala mijataallee ni uuma jedhaniiru.
Baazaarii kana keessatti gatiin hojii hiinaa akka gosa diizaayinii irratti hundaa’ee garaagaraa ta’uun kan ibsame yoo ta’uu, yeroo ammaa immoo tajaajilli isaa birrii 300 irraa jalqabee haga birrii 600tti kennamaa jira.
Gara fuuldurattis baazaarin akkanaa kun yeroo ayyaana hunda irratti jabaatee itti fufuu akka qabus dhaamaniiru.