BGI Itoophiyaan keemikaala fayyaa namaarraan balaa geessisu lakkisuusaan Birrii Miiliyoona 2 adabame

You are currently viewing BGI Itoophiyaan keemikaala fayyaa namaarraan balaa geessisu lakkisuusaan Birrii Miiliyoona 2 adabame

AMN PLUS – Bitootessa 10/2018

Abbaan Taayitaa Kabachiisa Dambii Magaalaa Finfinnee, Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Magaalichaa waliin tahuun Kutaa Magaalaa Lidataatti BGI Itoophiyaan keemikaalaa farra fayyaa namaa lagatti gadi lakkisuun faalama qaqqabsiiseef birrii miiliyoona 2 adabuu beeksiseera.

Gochichi Kutaa Magaalaa Lidataa Aanaa 09 bakka addaa naannawaa Tagbaariditti kan raawwatame yoo tahu fayyaa namaarratti dhiibbaa cimaa kan qaqqabsiisuu tahuu ogeeyyii eegumsa naannoon qoratamee mirkanaa’uufi kanaan dura yakka wal fakkaataa raawwatee rikkeerdii qabaachuun birrii miiliyoona 2 adabamuu abbaan taayitichaa ibseera.

Adabbichi kan itti murtaa’e dambii 180/2017 bu’uureffachuun tahuun ibsameera.

Abbaan Taayitaa Kabachiisa Dambii Magaalaa Finfinnee jiraattota magaalattiifi dhaabbilee garaagaraaf hojii hubannoo uumuu kennaa turu ibsuun ammas jiraattotniifi dhaabbileen gochoota akkasiirraa akka of-qusatan hubachiiseera.

Abbaan Taayitichaa hawaasni cabiinsa dambii kamifiyyuu toora bilbila bilisaa 9995 fayyadamuun eeruu akka kennus waamicha dhiyeessera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply