AMN PLUS- Bitootessa 15/2018
Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebeen giddugala tajaajila iddoo tokkoo Addis Masoob 3ffaa kutaa magaalaa Lidataatti hojii eegalchiisuu beeksisan.
Gamoo abbaa darbii 7 ta’e kana irratti tajaajila mootummaa adda addaa bakka tokkotti kennuun yeroo, baasiifi, humna qusachuu kan dandeessisu ta’uu miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.
Giddu galichi dhaabbilee 20 tajaajila garaagaraa 112 ofkeessatti qabatan dameelee 69’n tajaajilamtoota akka keessummeessu ibsameera.
Dabalataanis giddugalichi dhaabbilee 22 kenna tajaajilaa isaanii dijitaalessuun wal qunnamsiisuun ibsameera.
Kunis hojiilee duraan dhaabbileen adda addaatti faca’uun kennaa turan hambisuun dhaqqabamummaafi itti quufinsa tajaajilaa lammiilee guddisuuf hojjechuu dabalataan yeroo, baasiifi dhamaatii tajaajilamaa daran hir’isu akka tahe ibsameera.

Bara dheeraaf akkaataan kenniinsa tajaajila ture malaammaltummaafi firoomaan kan hidhame akka ture kan ibsan Kantiibaa Adaanech kunis mootummaafi uummata gidduutti amanamummaan akka hin jiraanne taasisee turu ibsaniiru.
Amma garuu haala jiru jijjiiruun gaaffii jiraattotaa dhaggeeffachuun sirna kenniinsa tajaajilaa dijitaalessuun tajaajila sadarkaa isaa eeggate gara giddu gala tokkotti fiduun kennaa jiraachuus hubachiisaniiru.
Giddu-galli lamaan kanaan dura Kutaa Magaalaa Araadaa fi Boolee keessatti jalqabaman maamiltoota kuma 120 ol tajaajiluu danda’uufi 98% ol tajaajilamtootni tajaajila kanatti akka gammadaniifi jijjiiramni qabatamaan mul’achuu ibsaniiru.
Dhuma baatii Bitootessaa kanatti wiirtuuwwan akka dabalamaniifi dhuma baatii Eeblaatti giddu galootni banaman 11 akka gahaniif hojjetamaa jiraachuus Kantiibaa Adaanech dubbataniiru.
Tajaajilli giddu gala tokkoo Addis Masoob naannawwaa hojii mijataa kan uume, iddoo kunuunsa daa’immanii kan qabu tajaajila barbaadamu kennuuf ogummaan kan leenji’aniifi eebbifamtoota haaraa yuunivarsiitii irraa dhufaniin tokkummaan kan hogganamu ta’uus ibsaniiru.
Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee hojiin bu’a qabeessi kun akka milkaa’uuf qaamoleen itti dadhabuun asiin geessan hundi galatoomaa jechuunis galateeffataniiru.