Itoophiyaan gabaa addunyaa borii keessa turuuf har’a hojjechaa jirti – MM Abiyyi Ahimad

You are currently viewing Itoophiyaan gabaa addunyaa borii keessa turuuf har’a hojjechaa jirti – MM Abiyyi Ahimad

AMN PLUS – Ebla 07/2018

‎Itoophiyaan har’uma irraa eegaluun gama tarsiimoo Dijitaal Itoophiyaa 2030 tiin addunyaa boriitti makamuuf kutannoon hojjachaa kan jirtu ta’uu Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) ibsaniiru.

‎Dooktar Abiyyi dandamannaa bara babal’ina indaastirii haaraa Itoophiyaa irratti xiyyeeffachuun EBC waliin turtii taasisaniiru.

Ibsa isaanii keessatti, biyyattiin rakkoo booda dhufuu malu tilmaamuun waan gabaa addunyaa borii keessa ishee tursiisu humna kalaqaa akka qabdu cimsuun hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.

‎Akka fakkeenyaatti, dhaabbileen xixiqqoo kaleessa isaanii sirriitti qabatan har’a haala mijataa uummachuun odeeffannoo xiinxaluufi hojii kalaqaatiin qabeenya guddaa kanneen uuman akka jiranis Dooktar Abiyyi eeraniiru.

Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) dorgommiin damee balbalaa cimaa tahuu ibsuun dhimmoota siyaasaafi hudhaalee biroon osoo hin daangeffamiin rakkina bal’inatti jijjiiruuf qophaa’ummaa qabaachuu akka barbaachiisu eeruun har’arra dhaabbannee boriif hojjechuuf dammaqinaan socho’uun dirqama ta’uu hubachiisaniiru.

Daraartuu Tarreessaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply