AMN PLUS – Ebla 07/2018
Fooyyessiin diinagdee mandhalee ajandaalee misoomaa Itoophiyaa waliin kan wal simu ta’uu Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Itoophiyaa Dooktar Iyyoob Takkaalliny ibsan.
Dooktar Iyyoob Takkaalliny walga’ii idilee bara 2026 Baankii Addunyaafi Dhaabbata Maallaqaa Idil Addunyaa Waashingitan DC’tti adeemsifamaa jiru irratti hirmaachuun achumaanis waltajjii ijaarsa dandeettii adeemsifame irratti Itoophiyaan damee faayinaansiin fooyyessii taasiste irratti ibsa kennaniiru.

Bu’uura labsii haaraa Baankii Biyyaalessaan hojiirra kanneen oolan tilmaama dhalaa, hammattoo imaammata maallaqaa, tilmaama sharafa alaa gabaan durfamu fi sirna to’annoo faayinaansii waliigalaa irratti ibsa kennan.
Fooyyessiiwwan diinagdee mandhalee dandeettii ofii fi deeggarsa teekinikaan kan bocaman ta’uu eeranii, hojiileen kunneen ajandaalee misoomaa Itoophiyaan dursa kennituuf waliin kan walsiman ta’uu ibsaniiru.
Gabaa faayinaansii biyya keessaa cimsuu fi damee faayinaansii invastimantii alaaf banaa gochuun dhimmoota fooyyessii diinagdeen hojiirra oolan ta’uu hubachiisaniiru.
Fooyyessii diinagdee adeemsa irra jiru cimsuuf sirna faayinaansii dandeettii dhaabbatummaa amansiisaa uumuu, imaammata diinagdee walitti fufiinsa qabuufi diinagdee damee dhuunfaan durfamu ijaaruun barbaachisaa ta’uus ibsuu isaanii odeeffannoon Baankii Biyyaalessaa irraa argame ni mul’isa.