Kaabineen Magaalaa Finfinnee ajandaawwan sadii irratti mari’achuun raggaasise

You are currently viewing Kaabineen Magaalaa Finfinnee ajandaawwan sadii irratti mari’achuun raggaasise

AMN PLUS – Ebla 13/2018

Kaabineen Magaalaa Finfinnee walgahii idilee 10ffaa waggaa 5ffaa har’a geggeesseen ajandaawwan sadii irratti mari’achuun raggaasise.

Haaluma kanaan:

1ffaa: Bulchiinsa faayinaansii Magaalaa Finfinnee caalaatti ammayyeessuuf, itti gaafatamummaa fi iftoomina hojimaataa cimsuuf wixinee dambii qophaa’e irratti mari’achuun raggaasiseera.

2ffaa: Magaalatti keessatti misooma manneenii bal’aa ijaaramaa jiru raawwii fooyya’aa akka qabaatuuf, rifoormii Koorporeeshinii Manneenii cimsuu fi dandeettii raawwachiisummaa guddisuuf wixinee dambii qophaa’e irratti mari’achuun raggaasiseera.

3ffaa: Industiriiwwan oomishaalee biyya keessaa bakka bu’an oomishanii fi babal’isuu lafaa gaafataniif, pirojektoota carraa hojii dargaggootaaf uumaniif, hoteelotaaf akkasumas, mariiwwan walitti fufiinsaan bulchiinsi magaalichaa dhaabbilee amantii waliin taasise irratti gaaffiiwwan ka’an hiikuuf, lafa ramaddiin dabarsuuf yaada murtee dhiyaate irratti mari’achuun akka hojiirra oolu raggaasisuu Odeeffannoon Biiroo Kominikeeshinii Finfinneerraa arganne ni mul’isa.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply