Itoophiyaan wiirtuu dippiloomaasii idil addunyaa ta’uu gochaan mirkaneessuu Tajaajilli Komunikeeshinii Mootummaa ibse

You are currently viewing Itoophiyaan wiirtuu dippiloomaasii idil addunyaa ta’uu gochaan mirkaneessuu Tajaajilli Komunikeeshinii Mootummaa ibse

AMN PLUS – Ebla 13/2018

Itoophiyaan ji’oota muraasa darbanitti dippiloomaatota hedduu simachuun wiirtuu tarsiimawaa dippiloomaasii idil addunyaa ta’uu gochaan mirkaneessuu Tajaajilli Komunikeeshinii Mootummaa beeksise.

Ministirri Muummee Dooktar Abiyyi Ahimad tibbana anga’oota olaanoo Burundii, Laayibeeriyaafi Poorchugaal waliin Finfinneetti marii bu’a qabeessa taasisuu isaanii eeruun dabalataanis ministiroota dhimma alaafi dippiloomaatota olaanoo Chaayinaa, Ingilizii, Biraazil, Turkiyee, Maaleeshiyaa, Itaaliifi Israa’el simatanii waliin mari’achuu yaadachiiseera.

Dooktar Abiyyi Gaggeessitoota Keeniyaa, Afrikaa Kibbaa fi Taanzaaniyaa dabalatee, dureewwan biyyoota Afrikaa 9 wajjin hariiroo michooma damdaneessaa ilaalchisuun Finfinneetti mari’achuun yaadannoo baatiiwwan muraasaa ta’uu kan kaasu ibsi Tajaajilichaa, Yaa’ii Dureewwan Gamtaa Afrikaa 39ffaa birattis mariiwwan gamlameen biyyoota 15 caalan waliin taasisuun gahee adda durummaan naannawichatti bahatan mirkaneessuu hubachiiseera.

Ministirri Muumee Abiyyi Ahimad (PhD) Itoophiyaan alattis yaa’ii “BRICS” irratti yeroo jalqabaaf akka miseensa guutuutti hirmaachuun bu’aa Ji’oo-poolatikaa Itoophiyaa biyyattii mirkaneessuu caqasuun Fooramii Tumsa Afrikaa-Chaayinaa, Azarbaajaanitti Yaa’ii COP29 akkasumas daawwannaan Gamtaa Eemiretota Arabaatti taasifaman gama dhageettii Itoophiyaa ol kaasuun boqonnaa haaraa banuu ibseera.

Dabalataanis, Jibuutii, Somaaliyaa fi Sudaan Kibbaatti tattaaffiin nagaa kabachiisuu taasifaman akkasumas waliigalteewwan seena qabeessa Dhaabbata Maallaqaa Addunyaa “IMF’ fi Baankii Addunyaa waliin taasifaman walitti ida’amuun gahumsa mari’achuu Itoophiyaa gara sadarkaa olaanaatti ceesisuu Tajaajilichi beeksiseera.

Ministirri Muummee Dooktar Abiyyi har’as Komishinara Tumsa Idil AAddunyaa Gamta Awurooppaa Jooseef Siikalaan waliin haala deggersa gamtichaa baroota dheeraaf ture irratti mari’achuu isaanii Tajaajilli Komunikeeshinii Mootummaa hubachiiseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply