AMN PLUS – Ebla 19/2018
Hoogganaa Itti Aanaa Biiroo Pabliik Sarvizii fi Misooma Humna Namaa Magaalaa Finfinnee Obbo Baqqalaa Tamasgeen Tajaajilli Dijitaalaa Giddu Gala Tokkoo A-Masoob hojii eegaluun wal-qabate yeroo muraasa keessatti milkaa’inootni hedduun argamuu ibsaniiru.
Maammiltoota gara waajjira mootummaa dhufan fuula ifaan simatanii keessummeessuu irraa eegalee haga tajaajila barbaadan argatanii deebi’anitti adeemsi ture itti quufiinsa maammilaa kan hin mirkaneessine turuu eeruun rakkoon harka keessa ilaaluufi malaammaltummaaf saaxilamuu kan ture ta’uu yaadachiisaniiru.

Tajaajilli kun gaabbii tajaajilamtootni kenniinsa tajaajila mootummaa irratti qaban guutummaatti kan furu tahuu kaasuun, kunis bu’aa riifoormii hojjatamee ta’uu ibsan. Haalli hojmaataafi kenniinsa tajaajilaa kanaan dura ture harkifataa ta’uu irra darbee tajaajilamaaf osoo hin taane tajaajilaaf illee mijataa akkasumas hawwataa akka hin turre yaadachiisaniiru.

Sektarootni tajaajilaa Finfinnee kan duraanii irra miidhaganii, naannawa magariisaa fi hawwataa akkasumas tajaajila keessoo gammachuu maammilaa dabaluun ammayyaa’anii hojiitti seenuu AMN PLUS’tti himaniiru. Tajaajilli Tarsiimoo Dijitaal Itoophiyaa 2030 milkeessuuf qabame kun haala dhaqqabaa, si’ataa fi saffisaa ta’een kennamuun itti quufiinsa maammilaa dabaluu irra darbee qisaasama yeroo, baasii fi humnaa hambisaa jiraachuu ibsaniiru.

Keessumaa tajaajilli Dijitaalaa Giddu Gala Tokkoo A-Masoob Socho’aa Awutoobusiin kennamu kun naannawa jiraattotni argamanitti dhiyaachuun tajaajila dijitaalaa ammayyaafi teeknoloojiin deggerame waraqaa irraa bilisa ta’e kennuuf hojiin eegalame ammoo kenniinsa tajaajilaa sadarkaa olaanaatti kan ceesisu tahuu hubachiisaniiru.
Tajaajilli Dijitaalaa si’ataa fi qulqullina kutaalee bulchiinsa magaalotaa Finfinnee hundatti akka babal’atu Hoogganaan Itti Aanaa Biiroo Pabliik Sarvizii fi Misooma Humna Namaa Magaalaa Finfinnee Obbo Baqqalaa Tamasgeen AMN PLUS’tti himaniiru.

Tajaajilli sektaroota 17’n kennamaa ture amma gara 25’tti guddachuu kan kaasan Obbo Baqqalaan tajaajilli kennamu 140 ol itti guddachuu akkasumas maammilootni Kuma 150 caalan tajaajila si’ataa fi qulqullina qabu kana argachuu ibsuun itti quufiinsi maammilaas % 98 ol dhaqqabuu hubachiisaniiru.
Malkaamuu Abbabaatiin