AMN PLUS – Ebla 19/2018
Yeroo ammaa hariiroo daa’immaniifi meeshaalee elektirooniksii jidduutti gar-malee dabalaa dhufe maatii yaaddoo olaanaafi rakkoo xiinsammuuf saaxilaa akka jiru hubatameera.
Dhimma Seeraafi Hawaasummaa irratti tajaajila gorsaa kan kennan Aadde Maqdas Asfaawu sababaa guddina teeknoloojiin dhalootni dijitaalaa dhufe walitti dhufeenya maatiifi ijoollee jidduu jiru rakkoof saaxilaa jiraachuu kaasaniiru.
Aadde Maqdas dhalootni ammaa jalqabumarraa ka’uun sirna teeknoloojii keessatti kan argaman waan ta’aniif, “Digital Native” jedhamuun waamamuu isaanii eeruun, maatiin isaanii ammoo “Digital Immigrant” jechuunis teeknoloojii dijitaalaatti adeemsaan kan makaman ta’uu ibsaniiru.
Garaagarummaan bu’uuraa kun maatiin ijoollee isaanii haala gaariin guddisuuf tattaaffii taasisan keessatti akka hudhaa guddaatti kan fudhatamu ta’uu hubachiisaniiru.

Ijoolleen yeroo dheeraa meeshaalee elektirooniksii waliin akka dabarsan wantoota taasisan keessaa fakkiiwwaniifi viidiyoowwan hawwatoo qalbii isaanii harkisan ta’uu kaasuun kunis daa’imman akka naannawa isaaniif miira gaarii hin taane qabaataniifi addunyaa asoosama fakkaatu meeshaa dijitaalaan kennameef keessa yaadaan seenuun araadaaf akka saaxilaman kan taasisu ta’uu ibsaniru.

Araadni teeknoloojii kun guddina sammuu, fayyaa qaamaafi hariiroo hawaasummaa isaanii irratti rakkoo kan fidu ta’uu irra darbee hirribaafi amala isaanii irrattis akkasuma dhiibbaa olaanaa qabaachuu dubbataniiru.
Kana ittisuuf maatiin taphoota waliinii kan Iskiriinii ykn meeshaa dijitaalaa irraa walaba ta’eefi yeroo dubbisaa mijeessuun kan irraa eegamu ta’uu ibsaniiru.
Kanaafuu maatiin yeroo fayyadama meeshaalee kanneenii daangessuun ijoollee isaaniif fakkeenya ta’uu irra darbee qabiyyeefi yeroo hagamiif akka meeshaalee teeknoloojii kanneen ijoolleen fayyadaman daangessuun murteessaa ta’uu ibsaniiru.
Gabaasa Barakat Geetaachoo, Malkaamuu Abbabaatu qindeesse