Tiraamp waliigaltee dhukaasa dhaabuu Iraan dheeressan

You are currently viewing Tiraamp waliigaltee dhukaasa dhaabuu Iraan dheeressan

AMN PLUS- Ebla 14/2018

Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp waliigaltee dhukaasa dhaabuu Iraan dheeressuu beeksisan.

Tiraamp miidiyaa hawaasummaa isaanii “Truth Social” jedhamuun akka ibsanitti waliigaltee dhukaasa dhaabuu torban lamaaf labsanii turan dheeressuu himuun, yeroo hangamiif akka dheeressan hin ibsine.

Pirezidaantichi osoo waliigaltee dhukaasa dhaabuu hin dheeressin durayyuu Iraan marii Paakistaanitti gaggeeffama jedhamerratti hirmaachuuf akka hin murteessine ibsuun ishee ni yaadatama.

Akka gabaasa BBC’tti Barreessaan Olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutereez murtoo Tiraamp waliigalticha dheeressuuf taasisan dinqisiifataniiru.

UN tattaaffiii Paakistaan biyyoota lamaan jidduutti mariin akka adeemsifamuuf taasisaa jirtu kan deggeran ta’uus ibsuu isaanii BBC’n gabaaseera.

Dabalataanis, Muummichi Ministiraa Paakistaan Sheehibaaz Shariif, Pirezidaanti Tiraamp waliigalticha dheeressuu isaaniif galateeffachuun, marin marsaa 2ffaa Islaamaabaaditti Ameerikaa fi Iraan taasisan gaaga’ama mudateef kan furmaata waaraa fidu akka ta’u abdii qaban ibsaniiru.

Gama biraan, miidiyaan Iraan Taasniim jedhamu, Teehiraan waliigaltichi akka dheeratu gaafachuu dhabuu eeruun, guyyoota lama dura ammo Iraan marii Ameerikaa waliin taasifamuuf qophii akka hin taane ibsee ture.

Imbaasiin Iraan Paakistaanitti argamu illee mariin doorsisaa fi humnaan biyya isaanii taasistu akka hin jiraanne beeksisuu “Xinhua”n gabaaseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply