AMN PLUS – Ebla 28/2018
Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) Ministira Muummee Neezarlaandis Roob Jeetan waliin bilbilaan mari’ataniiru.
Dooktar Abiyyi miidiyaa hawaasummaa isaaniin “Roob Jeetan waliin dhimmoota waloorratti marii bu’aa qabeessa taasifneerra” jedhan.
Dhimmoota hariiroo dameewwan garaagaraan qabnu caalmaatti cimsuuf dhimmoota dandeessisanirratti yaada waljijjiireerra jechuun ibsan.