Finfinneen yaa’ii kunuunsa daa’imummaan duraa Ardii Afrikaa keessummeessuufi

AMN PLUS – Ebla 28/2018

Finfinneen yaa’ii kunuunsa daa’imummaan duraa sadarkaa Afrikaa kan bakka bu’ootni biyyoota 19 irratti hirmaatan akka keessummeessitu ibsameera.

Yaa’ichi Caamsaa 03/2018 irraa eegalee kan gaggeeffamu yoo tahu gahee kunuunsa daa’imummaan duraa, sochii fakkeenyummaa kunuunsa daa’immaniif ardichi qabu gara addunyaalessaatti guddisuurratti fuulleffachuun akka gaggeeffamu ibsameera.

Kallattii imaammata biyyoota Afrikaa sakatta’uun muuxannoo milkaa’aa addunyaaf qooduunis kaayyoo yaa’ichaa tahuun himameera.

Yaa’ii sadarkaa ardiitti keessummeeffamu kanarratti damee kunuunsa daa’imummaan duraan muuxannoon magaalaa Finfinnee akka dhiyaatu ibsameera.

Hoji Raaawwachiisaan Olaanaa Giddu Gala Misooma Kunuunsa Daa’imummaan Duraa Kabbadaa Warquu (PhD) akka ibsanitti Finfinneen erga giddu galicha hundeessitee umrii gabaabaa tahus hojiilee jajjabeessoo hedduu hojjechuu dubbataniiru.

Keessattu fayyaa haadholiifi daa’immanii eeguu, barnoota idileen duraa babal’isuun, waliin gahiinsa bakkeewwan tursiisa daa’immanii qulqullina qabu guutuu, bakka taphaa daa’immaniif mijataa qopheessuun hojiilee milkaa’ina damichaa warreen ijoo tahuu kaasaniiru.

Ibsa isaanitiin Dooktar Kabbadaan yaa’ii jalqabaa Ardichaa kunuunsa daa’imummaan duraa kanarratti xiyyeeffachuun gaggeeffamu kanarratti Afrikaa, Awurooppaa, Eeshiyaafi Ardiilee biroo irraa ogeeyyiifi hoggantootni olaannoo lakkoofsaan 350 caalan akka hirmaatan hubachiisaniiru.

Akka ibsa hojii Dooktar Kabbadaatti yaa’ichi humna hojii isaa bal’isuun turtii waggoota lamaan kan qophaa’u taha.

Gabaasni kan Assaggid K/Maariyaam

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply