AMN PLUS – Ebla 28/2018
Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen Intarpiraayizota 1,278’f sheedii bakka hojii dabarsuu himan.
Aadde Adaanech ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, jiyyummaa kan injifannu jabaannee yoo hojjannedha jedhan.
“Har’a Interpiraayizota 1,278’f sheediiwwan bakka hojii dabarsinee kennineerra” jedhaniiru.
Haaluma kanaanis sochoostotni 3,889 fayyadamoo ta’uu himan.

Sheediiwwan hedduu saffisaa fi qulqullinaan yeroo gabaabaa keessatti ijaaramuun fayyadamtootaaf dabarfamanii kan kennaman ta’uus eeran.
“Magaalaa keenyatti aadaan hojii akka jijjiiramu, dhaloota hojiif tattaafatu uumuuf, carraaqqii ofiin of danda’uu fi fayyadamummaa mirkaneessuuf hojii adda hin citne hojjachaa jirra” jedhaniiru.
Rakkoowwan keenya qofa dubbachuun hiyyummaa keessaa ba’uun hin danda’amu kan jedhan Aadde Adaaneech Hiyyummaa keessaa ba’uun kan danda’amu carraa argame keessa seenuun yoo hojjanne qofadha jedhan.
Hiyyumni kan moo’amu mootummaa qofaan miti; tattaaffii hunda keenyaa gaafata malee jedhaniiru.

“Har’a bakka hojii kan argattan, nyaattanii buluu qofa osoo hin taane, deeggarsa mootummaa irraa argattanitti fayyadamuun, kaka’umsa cimaa keessa seentanii cimtanii hojjechuun abbootii qabeenyaa dhaabbilee gurguddoo ta’uu akka dandeessan isin irraa eegama” jechuun dhaaman.
Isin ijaaramtaniittu; leenjii fudhattaniittu; waloon guddachuuf, waloon jijjiiramuuf, guddina biyyaaf gahee keessan akka baatan imaanaan jedhaniiru.