Rogeeyyiin miidiyaa hawaasaa Ardii Afrikaa Finfinnee seenaa jiru

AMN PLUS- Ebla 28/2018

Rogeeyyii miidiyaa hawaasaa Ardii Afrikaa Finfinneetti walitti qabaman keessaa yuutuuberri beekamaa Afrikaa, jijjiirama Finfinnee ardiifi addunyaaf gabaasuun kan beekamu Wodee Maayaan isa tokkodha.

Wodee Maayaan lammii Gaanaa yoo tahu yuutuubera beekamaa Afrikaati.

Qabeenya dilbii Ardii Afrikaa addunyaatti beeksisuun kan beekamu rogeessi miidiyaa hawaasaa beekamaan kun Wodee Maayaan gara Finfinneetti deebi’eera.

Wodee Maayaan gara Finfinneetti deebi’ee kan dhufeef Yaa’ii Rogeeyyii fi Dhiibba-Uumtota Afrikaa (ASMIS) bor irraa eegaluun Yaadannoo Injifannoo Adawaa irratti adeemsifamu irratti hirmaachuuf akka tahe beekameera.

Wodee Maayaan baatiiwwan muraasa dura gara Finfinnee dhufuun hojiilee misoomaa Finfinnee fi jijjiirama waliigalaa Itoophiyaatti waggoota muraasa darban keessatti mul’atan irratti qophiilee garaagaraa miidiyaa hawaasaa isaa irratti hojjachuun hordoftoota isaa biraan gahuun ni yaadatama.

Haaluma kanaanis maqaa gaarii Finfinnee fi biyyattii beeksisuu danda’eera.

Dabalataanis, rogeessi miidiyaa hawaasaa Seraaliyoon “Bush Debul” jedhamuun beekamu Boyzee Krish yaa’ii kana irratti hirmaachuuf Magaalaa Finfinnee seeneera.

Boyzee’n dhimmoota kalaqa dijitaalaa, innooveeshiniifi sagalee Afriikaa ol jedhanii dhaga’amuuf jiran irratti akkasumas miidhagina Afriikaa isa dhugaa, miidhaginaa fi surraa Finfinnee hawwataan faayee hordoftoota miidiyaa hawaasaa isaa biraan ni gaha jedhamee eegama.

Biyya Afrikaa Kibbaa Iswatiinii irraa illee rogeessi beekamaa “Gogo Estiwani MM” yaa’ii seena qabeessa kana irratti hirmaachuuf Finfinnee seenuu odeeffannoon “ASMIS” irraa argame ni mul’isa.

Yaa’ii Rogeeyyii fi Dhiibba-Uumtota Afrikaa (ASMIS) borii fi iftaan jechuunis Ebla 29 fi 30 bara 2018 Finfinneetti dhimmoota ajandaa Afriikaa irratti xiyyeeffachuun adeemsifamu kun maqaa gaarii magaalaa guddittii Itoophiyaa fi biyyattii addunyaatti beeksisuuf carraa guddaa kan uumu ta’uu hubatameera.

Malkaamuu Abbabaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply