Lammii hundaaf guyyaatti daqiiqaa 10 osoo qusannee milkaa’ina biyyaaf gahee guddaa qaba – MM Abiyyi Ahimad

You are currently viewing Lammii hundaaf guyyaatti daqiiqaa 10 osoo qusannee milkaa’ina biyyaaf gahee guddaa qaba – MM Abiyyi Ahimad

‎AMN PLUS – Ebla 14/2018

‎Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) tokkoon tokkoon lammiilee biyyattii tajaajila yeroo barbaadan guyyaatti daqiiqaa 10 qusachuufii osoo dandeenyee oomishtummaa biyyaarratti gahee guddaa qabaachuu ibsan.

Kenniinsa tajaajilaa barootaaf madda komii cimaa kan ture amma gara tajaajila teeknoloojiitti jijjiiruun tajaajila giddu gala tokkoo ‘Masoob’ keessatti tajaajilli kennamu bu’aa qabatamaa fiduu Dooktar Abiyyi ibsaniiru.

‎Ministirri Muummee tajaajila socho’aa giddu gala tokkoo Finfinneetti eegalame ilaalchiisuun akka ibsanitti rakkoolee gurguddoo Itoophiyaa keessa turan keessaa tokko kenniinsa tajaajilaan lammiilee gammachiisuun akka hin turre kaasuun har’a kana furuuf teeknoloojii akka utubaa misoomaa 5ffaatti fayyadamuun hojiileen bu’aa guddaa buusan hojjetamaa jiraachuu hubachiisaniiru.

‎Kanaan dura tajaajilli Masoob tokkoon eegalame yeroo ammaa gara giddu galoota 45tti guddachuu kaasuun haga Baatii Fulbaanaa Bara 2019tti Giddu galootni 100 ol tajaajila kennuu kan eegalan ta’uu ibsaniiru.

‎Dooktar Abiyyi konkolaataawwan elektirikaan tajaajilli socho’aa eegalame, lammiileen bakkuma jiranitti tajaajiloota akka paaspoortii, eyyama daldalaa fi waraqaa ragaa dhalootaa dabalatee kanneen biroo salphumatti akka argatan kan taasisu ta’uu himaniiru.

Tajaajilli yoo danqame badhaadhina mirkaneessuun akka hin danda’ame kan ibsan Ministirri Muummee, Bulchiinsa Tiraafikaa tajaajila dijitaalaan lammiiwwan hunda irraa daqiiqaa 10 qusachuun danda’amnaan, yeroon qusatame sun oomishtummaa biyyaaf gumaacha olaanaa kan qabu tahuu hubachiisaniiru.

Imalli riifoormii kanaa salphaa akka hin turre akkasumas barmaatii dhaabbataa nuffisiisaa ta’e jijjiiruun qormaata guddaa ta’uu kan kaasan Dooktar Abiyyi, jijjiiramni amma dhufe abdii kan namatti horuufi waggoota muraasa dhufan keessatti lammiileen bakkuma jiranitti tajaajiloota hundumaa akka argatan xiyyeeffannoon kan hojjatamu ta’uu mirkaneessaniiru.

‎Malkaamuu Abbabaatiin qindaa’e

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply