Miidiyaaleen adeemsa ijaarsa biyyaa cimsuufi seenessa waloo irratti xiyyeeffannoon akka hojjetan waamichi dhiyaate

You are currently viewing Miidiyaaleen adeemsa ijaarsa biyyaa cimsuufi seenessa waloo irratti xiyyeeffannoon akka hojjetan waamichi dhiyaate

AMN PLUS – Ebla 14/2018

Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Itoophiyaa miidiyaaleen adeemsa ijaarsa biyyaa cimsuufi seenessa waloo irratti xiyyeeffannoon akka hojjetan waamicha dhiyeessera.

Abbaan Taayitichaa hoggantoota dhaabbilee miidiyaa waliin mata-duree “Miidiyaaleen ijaarsa biyyaafi ijaarsa ilaalcha hawaasaaf” jedhuun marii gaggeessera.

Waltajjicharrratti kan argaman Daayirektarri Waliigalaa Tajaajila Odeeffannoofi Nageenya Biyoolessaafi Walitti Qabaan Boordii Abbaa Taayitaa Miidiyaalee Itoophiyaa Obbo Reedwaan Huseen miidiyaaleen hojii hojjechaa jiraniin fooyya’iinsa gaarii agarsiisaa jiraachuu eeruun kana caalaa humna isaanii faayidaa biyyoolessaaf akka oolchan hojjetamuun akka qabu ibsaniiru.

Keessattuu miidiyaaleen faayidaa biyyoolessaa akka dursan gochuu keessatti deeggarsi mootummaa cimee akka itti fufu hubachiisuu isaanii ENA’n gabaasera.

Kanaafis hanqinaalee dhaabbilee miidiyaa keessatti mul’atan sirreessuufi ciminoota jiran itti fufsiisuuf bakka bu’oota dhaabbilee miidiyaa waliin mari’achuun murteessaa tahu kaasaniiru.

Daayirektarri Olaantuu Abbaa Taayitaa Miidiyaalee Itoophiyaa Aadde Hayimaanota Zallaqaa gama isaaniitiin, miidiyaaleen odeeffannoo waqtaawaafi amanamaa ta’e hawaasaaf tamsaasuun alatti hawaasa ijaaruufi ijaarsa biyyaa keessatti qooda murteessaa akka qaban hubachiisaniiru.

Kanaanis miidiyaaleen uummataafi uummata akkasumas naannoleefi hawaasa gidduutti seenessa waloo ijaaruurratti kan amma hojjechaa jiran caalaa gahee isaanii ba’achuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply