AMN PLUS-Ebla 20/2018
Koreen Nageenyaafi Tasgabbii Gamtaa Afrikaa (AU-PSC) dura taa’ummaa Itoophiyaatiin fuuldura hojiiwwan deeggarsa nageenyaa irratti marii gaggeessera.
Dursummaa Itoophiyaatiin Nageenyi Gamtaa Afrikaa fi Koreen Nageenyaa walga’ii wiixata dabre gaggeechanin adeemsa hojii nageenyaa deeggaruuf mari’achuu isaanii ibsameera.
Marii kana irratti Bakka Bu’aan Addaa Barreessaa Olaanaa Mootummoota Gamtoomaniifi Maalii keessatti Hogganaa ergama nageenyaa MINUSMA duraanii El Gaasiim Waanee fi Hogganaan Waajjira Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii kan Gamtaa Afrikaa wajjiin hojjetu (UNOAU) Paarfayit Onaanga-Anyaangaan irratti argamaniiru.

Marii kanaanis haala jijjiirama siyaasaafi nageenyaa addunyaa akkasumas haala nageenyaafi tasgabbii ardii Afrikaa ilaalchisee tarkaanfiiwwan fudhatamuu qaban xiinxaaluun kan madaalan ta’uu ibsameera.
Itoophiyaatti Bakka Buutun Addaa Gamtaa Afrikaafi Komishinii Dinagdee Afrikaa kan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UN-ECA) Ambaasaaddar Hiruut Zamanee Afrikaa keessatti waggoota 30’f sochii deeggarsa nageenyaa taasifamaa ture dinqisiifachuun, ardii guutuu keessatti hanqinni maallaqaafi rakkoon nageenyaa osoo jiru hojjetamaa turuus ibsaniiru.
PSO (Hojiiwwan Deeggarsa Nageenyaa) akka daandii nageenyaafi tasgabbii Afrikaaf itti fufiinsan hojjetanif mariin kuni yeroo yeroon kan barbaachisu ta’uu kan kaasan Ambaasaddar Hiruut, koreen nageenyas haala adeemsa siyaasaa dursanii hubachuun irratti hojjechuu akka qabanis akeekaniiru.
Itoophiyaanis nageenyaaf dursan kennuun marii kana keessatti karoora PSO (Hojiiwwan Deeggarsa Nageenyaa) Sudaan Kibbaa daawwachuuf karoorse kan qajeelchitu ta’uu odeeffannoon Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa ni mul’isa.