AMN PLUS – Ebla 21/2018
Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shidee dhiyeessiin boba’aa bakka waraana Baha Giddu Galeessaatti uumameen dura tureetti akka deebi’uu mootummaan murteessuu ibsaniiru.
Ministirichi ibsa miidiyaaleef kennaniin mootummaan haala waqtaawaa qorachuun murticha kan dabarse biyyattiin sochii oomishaafi qonnaa olaanaa taasisaa jiraachuu akkasumas rakkoo geejjibaa mudatu tilmaama keessa galchuun tahuu hubachiisaniiru.
Sababa waraana Baha Giddu Galeessaa boba’aan guyyaatti Liitira Miliyoona 9 ture dachaan hir’achuun Liitira Miliyoona 4.5 tahee turuu kan ibsan obbo Ahimad Shideen har’a irraa eegalee dhiyeessiin boba’aa gara bakka duraan ture guyyaatti Liitira Miliyoona akka deebi’uu murtaa’uu beeksisaniiru.

Raabsaa isaatiin wal qabatee har’a irraa eegalamee Magaalaa Finfinneef Jibuutiirraa akka geejjibsiifamu kan ibsame yoo tahu naannoleef ammoo borirraa eegalee geejjibsiifamuu akka eegalamu Obbo Ahimad Shidee ibsaniiru.
Mootummaan waraana Baha Giddu Galeessaan dura deeggarsa Birrii Biliyoona 10 boba’aaf taasisaa ture dabalataan yeroo ammaa waggaatti Birrii Biliyoona 20 deeggarsa taasisaa jiraachuunis ibsameera.
Kunis walumaagalatti deeggarsa boba’aaf taasifamuu gara Birrii Biliyoona 300 olitti akka guddisuu Ministirichi ibsa miidiyaaleef kennaniin hubachiisaniiru.
Tarkaanfiin akkasii mootummaan rakkoo hawaasa mudatu salphiisuufi milkaa’inni adeemsa oomishaafi oomishtummaa akka hin gufanneef kan fudhatame tahuu Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shidee ibsa miidiyaaleef kennaniin dubbataniiru.
Gabaasni kan Yittaayyaal Axinaafuuti