AMN PLUS – Ebla 23/2018
Jaarraa seenessi waa’ee Afriikaa saffisaan deemaa jiru kanatti magaalota haala ajaa’ibsiisaa ta’een guddina si’ataa agarsiisaa jiran keessaa Finfinneen ishee tokko dha.
Finfinneen seenaa, aadaa, duudhaa fi haala jiruufi jireenya uummataa ammayyummaa, kalaqaa fi Innooveeshiniin faayamtee cehumsa saffisaa imalli badhaadhinaa ittiin milkaa’aa jiru ta’uu hedduun dhugaa ba’aa jiru

Cehumsa cichoominaa fi aadaa hojii fooyya’aa 24/7 hoggansaafi jiraattotni magaalattii mirkaneessaa jiran kana daawwachuun, taajjabbii isaanii gaarii ta’es wal harkaa fuudhuun leellisuun ammoo yuutuubarootni bebbeekamoo addunyaa adda duree ta’aniiru.
Hojiin gaarii ofumaan iyyuu waan of ibsuuf magaalaa miidhagduu kana kaameraa miidhagaan waraabanii keessa shambaa rambaa jechaa hordoftoota isaanii biraan gahaa jiru. Isaan keessaa yuutuubarri beekamtuu Afriikaa keessumaa ammoo Itoophiyaa fi biyyoota ollaa irratti fuulleffachuun imala taasistu suur-sagaleen sona itti dabaltee dhiyeessitu Maarinaan ishee tokko.
Dokumantarii gabaabaa waa’ee Finfinnee irratti hundaa’uun tibbana daawwattoota isheef qooddeen, Finfinneen magaalota Afriikaa cehumsa ajaa’ibsiisaa keessa jiran kan jalqabaa ta’uu ibsiteetti. Finfinneen magaalaa guddoo Itoophiyaa qofa osoo hin taane mallattoo cehumsa magaalaa Afrikaa ta’uu ibsiti.

Magaalaa haaromsa olaanaa adeemsisaa jirtu ta’uu, “Jarakoo Finfinneen waggoota muraasa dura akkas hin turre” jechuun gamoowwan mimmiidhagoo ammayyaa baricha madaalan fuuldura dhaabbatee ibsiti.
Cehumsa akka tasaa mudatee fi irra keessaa akka hin taane eeruun pirojektootni magaalummaa calaqqisiisan hedduun hojjatamuu dubbatti.Pirojektii Misooma Shaggariin qarqarri lageenii miidhaguu, koriidariin hojjatamuu, paarkiiwwan magariisaa fi bakkeewwan bashannanaa babal’achuu irra deemuun daawwachiisti.
Yuutuubarri imala ajaa’ibsiisaa ishee hordoftoota isheef qooddu Lammiilee Raashiyaa taate akkasumas Kaanaadaa jiraattu Maarinaan cehumsaafi misoomni Finfinnee jireenyaaf mijataa, jiraattota hundaa giddu galeessa godhatee fi naannoon wal sime ta’uu himti.
”Daandiiwwan bal’inaa fi qulqullina qaban, iddoowwan aara galfii, daandii biskileetii fi miilaa…kamiin himee kamiin dhiisaa hundumtuu ajaa’ibsiisaadha” jechuun jajji.

Magaalaa Koosmoopoolitaanii bakkeewwan bashannana dargaggootaa baay’inaan hojjatte Finfinneen gara galgalaa ammoo miidhaginni ishee caalmaatti ifee ba’a, keessa deemuuf illee mijataadha” jechuun miilaan deemaa hordoftoota ishee seeqaan hawwatti.
Magaalaa cehumsa dijitaalaa, Ismaarti Siitii, teeknoloojiifi Geejjiba Magariisaa hojiitti hiikaa jirtu tahuu akkasumas wiirtuu daldalaafi turizimii akkasumas carraa hojii gama dijitaalaan mirkaneessaa jirtu tahuu Inistitiyuutii Artefishaal Intelijensii Itoophiyaa daawwachaa ibsiti. Jijjiirama ijaan ilaalamu qofa osoo hin taane harkaan qaqqabaniifi qabatamaan jiraatan ta’uu mirkaneessuu kaasti.

Daandii Qilleensa Itoophiyaa karra bahumsaa fi seensaa Afriikaa Guddicha Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Booleetti argamuun milkaa’inoota gurguddoo fi tajaajila ajaa’ibsiisaa kennu addeessiti. Mana Kitaabaa Ammayyaa fi Guddicha Abrihoot sa’aatii 24 teeknoloojiin deggeramuun tajaajila kennu, Godaambaa Saayinsii daawwachuun muuxannoo jiraatamu qooddi.
Paarkii Tokkummaafi Masaraa Mootummaa biyyaalessaa keessa basha’uun miidhagina addaa labsiti.
Paarkii Shaggar Haroo Nam-tolchee, agarsiisa bishaaniifi bakkeewwan bashannanaa simboowwan haaraa Finfinnee ta’an dinqisiifannaan ilaalti, dhugumatti Finfinneen magaalaa Idil Addunyaa waa hundaa guuttatte taate” jechuun dhugaa baati.

Bifa haaraa Finfinnee ishee hawwannaan mararsiifattee waamtu kana, “Kun Afriikaa isaan isinitti hin agarsiisne.
Finfinneen jijjiirama keessa qofa miti kan jirtu, egereen Afriikaa maal akka fakkaatuufi boqonnaa addaa itti ceetu raagaa jirti malee” jechuun Finfinnee cehumsa ajaa’ibsiisaa galmeessisaa jirtu daawwachuu itti fufti.
Xiinxalli kan Malkaamuu Abbabaati