Yaaliiwwan Haleellaa Saayibarii kuma 50 ol Qolachuun Danda’ameera- Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa

AMN PLUS – Ebla 21/2018

Daayirektarri Olaantuun Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Aadde Tigist Haamid, ji’oota 9 keessatti yaaliiwwan haleellaa saayibarii kuma 50 ol fashaleessuun danda’amuu ibsan.

Gamaggama raawwii hojii ji’oota 9 bara baajataa 2018 dhaabbatichaa irratti akka jedhanitti, bulchiinsichi yaaliiwwan haleellaa fashaleessuudhaan hojii birmadummaa dijitaalaa eegsisuu dandeettii guutuun bahachaa jira.

Raawwiin kun mul’ata tarsiimawaa biyyattii “Itoophiyaa Dijitaalaa 2030” galmaan gahuu, nageenya biyyaalessaa mirkaneessuu fi damee nageenya saayibariitiin dhiibbaa naannawaa fi addunyaa Itoophiyaan qabdu caalaatti guddisuu keessatti hiika guddaa akka qabu ibsameera.

Ji’oota 9n darban keessatti bu’uuraalee misoomaa fi dhaabbilee murteessoo biyyattii irratti yaaliiwwan haleellaa saayibarii banaman, hordoffii dammaqina qabuun sa’aatii 24 taasifameen fi dandeettii ittisaa olaanaa diriireen, haleellaawwan keessaa dhibbeentaa 99 guutummaatti fashaleessuun akka danda’ame eeran.

Dandeettii haleellaa saayibarii dursee adda baasuu, ittisuu fi deebii kennuu ammayyeessuudhaan hojiiwwan opireeshinii ariifataa fi qulqullina qaban hojjetamuun isaaniis waltajjii kanarratti ka’eera.

Ceumsa dijitaalaa Itoophiyaa dandeettii ofiitiin hogganuu fi hirkattummaa alaa hir’isuuf, oomishaalee fi furmaata teeknoolojii biyya keessaa gabbisuu fi dhaabbilee adda addaatiif hidhachiisuun cimee itti fufuu isaa odeeffannoon Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoorraa arganne ni mul’isa.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply