AMN PLUS – Ebla 22/2018
Ameerikaan Iraan irratti haleellaa haaraa banuu maltu ilaalchisuun wixineen waraanaa Pirezidaanti Doonaald Tiraampiif dhiyaachuuf akka jiru ibsame.
Akkaataa wixinee kanaatti Ameerikaan bu’uuraalee misoomaa Iraan irratti haleellaa kan raawwattu yoo ta’u ulaa Hoormuz gariin to’achuun dooniiwwan daldalaa akka socho’an taasisuuf karoorsuu eerameera.
Wixinee waraanaa isa haaraan walqabatee gatiin boba’aa dabaluu akkasumas erga Raashiyaan Yuukireen irratti weerara raawwattee as gatii isa olaanaa ta’ee galmaa’uu BBC’n gabaaseera.
Mariin waliigaltee nagaa Ameerikaa fi Iraan jidduutti taasifamaa ture adda cituu fi ulaan Hoormuz cufamee yeroo dheeraa turuun sababaa daballii gatii boba’aa isa guddaa ta’uu kan ibsame yoo ta’u, Pirezidaanti Tiraamp Iraan Yuraaniyemii gabbisuu dhiisuun ishee mirkaneessinaan waliigaltee nagaa irra ga’uu kan danda’an ta’uu ibsuu isaanii Al jazeeraan gabaaseera.
Humni galaanaa Ameerikaa Iraan irra uggura kan kaa’e yoo ta’u, Iraan ammoo haga uggurri kun ka’utti ulaan Hoormuz cufamee akka turuufi Ameerikaa waliin akka hin mari’anne ibsaa turteetti.
Kanumaanis haleellaa Ameerikaa fi Israa’el qolachaa dooniiwwan ulaa Hoormuz keessa jiran irratti haleellaa akka raawwattu dhaadatteetti.
Ameerikaan haleellaa raawwattuun alatti Iraan gabaa alaaf boba’aa akka hin dhiyeessine taasisuun diinagdee biyyattii laamshessuuf tattaaffiin taasisaa jirtu, waraanichi naannawaa Baha Giddu Galeessaa bira darbee biyyoota addunyaa gaaga’uu itti fufeera.
Dhaabbileefi hawaasa idil addunyaa akkasumas biyyoota addunyaan gaaga’amni kun gama dippiloomaasiin akka xumura argatu waamichi dhiyaachaa jiraatus gamni lamaan walitti dhiyaatanii mari’achuu irra daranuu kan walitti bu’iinsa isaanii babal’isaa deeman fakkaatuun miidiyaaleen idil addunyaa balballoomsaniiru.
Malkaamuu Abbabaatiin