Finfinneen Indaastirii Itoophiyaa dhibbeentaa 40 of-keessaa qabdi: Obbo Miliyoon Maatiwoos

AMN PLUS – Ebla 22/2018

Dhaloota dandeettii waa kalaquun gahoome horachuun guddina indaastiriif bu’uura Jedhan Sadarkaa Kantiibaa Itti Aanaatti Hoogganaan Biiroo Hojiifi Ogummaa Magaalaa Finfinnee Obbo Miliyoon Maatiwoos.

Kabaja torbee Ogummaafi Teekinikaa 16ffaa sababeeffachuun agarsiisni kalaqa garaagaraa Giddu gala Ga’umsaafi Fooyya’insa Oomishtummaa Magaalittiitti gaggeeffameera.

Guddina biyya tokkoo keessatti qonniifi maanufaakcheringiin iddoo olaanaa kan qabu ta’uufi Misoomni Indaastiriis guddina biyyaaf murteessaa ta’uu hubatamee, mootummaan xiyyeeffannoo guddaa kennee dhaloota kalaqu baay’inaan horachuuf kutannoon hojjetaa jira jedhan Obbo Miliyoon Maatiwoos.

Indaastirii Itoophiyaa dhibbeentaa 40% kan of-keessatti qabatee jiru Magaalaa Finfinnee ta’uu kan himan obbo Miliyoon giddu gala ga’umsaafi fooyya’insa oomishtummaa tokkoofi koollejjootni 14 magaalattiin qabdu indaastirii daran guddisuuf hojii kalaqarratti hojjetaa jiran cimsanii akka itti fufaniif deeggarsi barbaachisu ni taasifamaa jedhan.

Diiniin Giddu Gala Ga’umsaafi Fooyya’insa Oomishtummaa Magaalaa Finfinnee Obbo Admaasuu Baqqalaa gama isaaniin kalaqawwan Rakkoo Hawaasaa furan bal’inaan oomishnee gabaaf dhiyeessuu jalqabneerraa jedhan.

Leenjistoonni Kalaqa Teeknoloojiirratti hirmaatan yaada kennaniin kalaqni isaanii yeroo, humnaafi baasii kan qusatu akkasumas sharafa alaa biyya keessatti kan hambisu ta’uu eeraniiru.

Dhimma Guddina Indaastiriifi Kalaqa Teeknoloojiirratti qooda fudhattoota waliin mariin paanaaliis taasifameera.

Gabaasni kan Abdiisaa Fufaati

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply