Itoophiyaan maal argattee biyyoota Baha Afrikaa keessaa gatii gadi bu’aan boba’aa dhiyeessiti? Iccitiin jiru hoo! AMN Dijitaal dubbii faana dha’eera!

You are currently viewing Itoophiyaan maal argattee biyyoota Baha Afrikaa keessaa gatii gadi bu’aan boba’aa dhiyeessiti? Iccitiin jiru hoo! AMN Dijitaal dubbii faana dha’eera!

AMN PLUS – Ebla 22/2018

Baha Afriikaatti biyyoota gatiin boba’aa gadi bu’aa ta’e keessaa Itoophiyaan ishee tokko ta’uu ragaalee garaagaraan gabbisuun kan dhiyeessan Pirees Sekireetariyaatiin Waajjira Ministira Muummee Billanee Siyyumidha.

Barruu isaanii keessatti gatiin boba’aa Itoophiyaatti Doolaara Ameerikaa tokkoo gadi ta’uu eeruun biyyoota ollaa Itoophiyaatti garuu giddu galeessaan haga Doolaara 1.50 gahutti gurguramaa jiraachuu ibsaniiru.

Itoophiyaan fedhii boba’aa ishee % 100 galii isheen kan guuttattu yoo ta’u biyyoota Baha Giddu Galeessaa irraa boba’aa galchiti.

Gaaffiin Itoophiyaan maaliif gatii gadi bu’aan boba’aa dhiyeessiti jedhu ka’uu mala.

Kanaaf deebii kan kennan Billanee Siyyum Deeggersa Mootummaan taasisu, gatiin boba’aa akka hir’atuufi madaalawaa akka ta’u gumaachuu eeru.

Mootummaan Itoophiyaa lammiilee qaala’iinsa jireenyaa irraa baraaruuf baasii boba’aa sadarkaa olaanaa ta’een haguugaa jiraachuu kan kaasan Pirees Seekireetariyaatittiin haala idileen deeggersa boba’aaf taasisuun alatti yeroo ammaa baatii tokkotti deeggersa haga Birrii Biliyoona 20 taasisaa jiraachuu ibsaniiru.

Kunis haguma gatiin boba’aa idil addunyaa dabalaa adeemu, biyya keessatti gatiin ol ka’uun jiraattota qaala’insa jireenyaaf akka hin saaxille murtoo darbe ta’uu hubachiisaniiru.

Gaaga’ama Baha Giddu Galeessaatti mudateen wal qabatee ulaan Hoormuz, boba’aa fi gaazii addunyaa % 20 ittiin daddarbu Itoophiyaaf baay’ee murteessaa ta’uu kan eeran Billaneen boba’aa fi naafxaan biyyattiin seensitu ulaa kanaan kan darbu ta’uu ibsaniiru

Gaaga’mni kunis baatiiwwan lamaan darbanitti cufamuu dooniiwwan daldalaaf sababa yoo ta’u boba’aan Meetiriik Toonii Kuma 180 ol Itoophiyaaf ajajamee ture yeroon kan hin qaqqabne akka ta’e hubachiisaniiru.

Dhiyeessitootni boba’aa hedduus sababaa walitti bu’iinsa kanaa boba’aa dhiyeessuu kan dhaaban yoo ta’u calaltuuwwan boba’aa waan manca’aniif dhiyeessiin xiqqaachuu ibsaniiru.

Mootummaan Itoophiyaa illee kanuma hubachuun sochii geejjibaa, hojii qonnaa fi tajaajiloota bu’uuraa itti fufsiisuuf erga waraanichi eegalamee guyyaatti naafxaa Liitira Miliyoona 4.5 dhiyeessaa akka ture eeruun hagam illee ulaan Hoormuz cufamee kan jiru ta’us lammiilee rakkoo irraa baraaruufi oomishtummaa itti fufsiisuuf fiilmaatilee gurgurtaa idil addunyaa garaagaraa fayyadamuun gatii olaanaan bituun dhiyeessiin boba’aa gara idilee Liitira Miliyoona 9 tti akka deebi’u murtaa’uu yaadachiisaniiru.

Hagam illee yeroo fudhatuufi dabaree dheeraa qabaatullee yeroo biyyootni biroon buufata boba’aa cufaniifi labsii yeroo hatattamaa baasaa jiranitti, Mootummaan Itoophiyaa garuu gatii boba’aa idilee irraa % 50 ol kan ta’u haguuguun boba’aa naannolee biyyattii maratti dhiyeessaa jiraachuu ibsaniiru.

Dhiyeessiin Beenzilaa sadarkaa gaarii irratti argamuu eeruun, lammiileen odeeffannoo sirrii fi qabatamaa ta’e qofaatti dhimma ba’uun haala addunyaan yeroo ammaa keessa jirtus hubachuun imaloota barbaachisoo hin taane hambisuu dabalatee obsaa fi cichoominaan akka darban yaadachiisaniiru.

Qaamolee haala kana fayyadamuun buufachuu yaalan saaxiluunis akka barbaachisu ergaa dabarsaniiru.

Mootummaan Itoophiyaa dhiyeessiin boba’aa akka addaan hin citnee fi lammiilee rakkoo irraa baraaruuf kan hojjachuu itti fufu ta’uu mirkaneessuu isaanii barruu Pirees Sekireetariyaatiin Waajjira Ministira Muummee Billanee Siyyum dhimma kana irratti barreessan irraa hubachuun danda’ameera.

Malkaamuu Abbabaatiin qindaa’e

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply