AMN PLUS – Caamsaa 10/2018
Itoophiyaan bu’uuraalee dijitaalaa guddina biyyaa saffiisisan qulqullinaan ijaaraa jirti jedhan Daayirektarri Olaanaa Inistiitiyuutii Hubannoo Namtolchee (AI) Itoophiyaa Dooktar Injinar Warquu Gaachanaa.
Dooktar Injinar Warquu Gaachanaa yaa’ii biyyaalessaa mata duree “birmadummaa odeeffannoo bilisummaa imaammataaf” jedhun qophaa’e irratti haala waliigalaa tajaajila dijitaalaa biyyattiin itti jirtu irratti ibsa kennaniiru.
Yeroo ammaa teeknoloojii mandhalee Kilaawudiin kan qindaa’an odeeffannoowwan damee qonnaa, fayyaa, Faayinaansii, barnootaa fi Inarjiin biyya keessatti hogganamaniifi afaanota Itoophiyaan Hubannoo Namtolcheef galtee bu’uuraa ta’uun maddoota odeeffannoo qabatamaa ta’aniiru jedhaniiru.
Daataa mataa keenyaa yoo hin qabaanne, Hubannoo Namtolcheen diina ta’a, Hubannoo Namtolchee kan mataa keenyaa yoo qabaanne ammoo ragaa sirnaan akka qabannu nu taasisa jedhaniiru Dooktar Injinar Warquun ibsa isaaniitiin.
Dijitaal Itoophiyaan 2030 hanqinaalee kanneen guutuuf kan bocame ta’uu eeruun Itoophiyaan yeroo ammaa bu’uuraalee dijitaalaa guddina biyyaa saffiisisan ijaaraa jiraachuu dubbatan.