
AMN PLUS – Caamsaa 14/2018
Dhugaa jiru ibsuu fi faayidaa biyyaalessaa hubachiisuun itti gaafatamummaa miidiyaalee ta’uu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibse.
Tajaajilchi ibsa baaseen miidiyaaleen ijaarsa sirna dimookiraasiif bu’uura ta’uu eereera.
Kana malees dhaabbilee diimokiraasii loogii malee tajaajiluuf itti gaafatamummaa kan qaban ta’uu eeruun, Itoophiyaanis qajeeltoo kana heera mootummaan mirkaneessuu kaaseera.

Miidiyaaleen dhugaafi faayidaa biyyaalessaa hubachiisuuf itti gaafatamummaa akka qaban ibsuun, faayidaa biyyaalessaa Itoophiyaa keessaa tokko filannoodha jedhe.
Sirni diimookiraasii kan ittiin ijaaramu, ce’umsi aangoo karaa nagaa kan taasifamu, hariiroon mootummaafi uummataa fedhii irratti hundaa’e kan itti bu’uureffamu filannoon waan ta’eef miidiyaaleen kana hubannoo keessa galchuun hojjechuu akka qaban hubachiiseera.
Miidiyaaleen filannoo Itoophiyaa akkaataa seera Itoophiyaa, dhaabbilee seera qabeessa ta’an fi hojimaataan ilaaluufi agarsiisuu qabus jedhe.

Itoophiyaan Filannoo Waliigalaa marsaa 7ffaa gaggeessuuf guyyoonni ishee hafuu yaadachiisuun, Itoophiyaanonnis dandeettii raawwachiisummaa dhaabbataa Filannoo biyyaalessaa 6ffaa irratti hubatan fi shaakala diimokiraasii gaggeessan irraa ka’uun sagalee isaaniin mootummaa isaanii filachuuf galmaa’uu eereera.
Murtoo filachuu uummataa irratti qoodni miidiyaalee olaanaa ta’uu kaasuun, filmaatilee yaadaa uummata biraan gahuuf akkaataa qajeelfama Boordii Filannoo Biyyaalessaan yeroo qilleensaa paartilee siyaasaaf ramadame dabalataan carraalee dabalataa mijeessuun uummanni odeeffannoo gahaa akka argatuuf miidiyaaleen xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu ibseera.
Waqtii filannoo odeeffannoowwan sobaa kan itti baay’atan ta’uu yaadachiisuun, dhaabbileefi ogeeyyiin miidiyaalee Itoophiyaa dhugaa jiru hubachiisuufi odeeffannoo sobaa saaxiluuf itti gaafatamummaa qabaachuu Tajaajilli Komunikeeshinii Mootummaa hubachiiseera