Mootummaan ajandaa nama irratti xiyyeeffatuuf dursa kennee hojjetaa jira- Obbo Tamasgeen Xurunaa

‎AMN PLUS- Sadaasa 9/2018

Ministirri Muummee Itti aanaan obbo Tamasgeen Xurunaa, “mootummaan ajandaawwan nama irratti xyyeeffataniif xiyyeeffannaa addaa kennuun misooma hunda hammatu argamsiisuuf hojjetaa jira” jedhan.

Giddu galli gabaa oomishaalee qonnaa fi indastirii magaalaa Dasseetti argine akkasumas hojiiwwan galma bUddeen itti tolchamu rakkoolee hawaasaa furuuf carraaqqii mootummaan taasisu kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru.

Kaayyoowwan ijoo giddu gala gabaa kanaa oomishtootaafi shamattoota walitti fiduun cancala daldalaa gidduu isaanii jiru gabaabsuu fi gatii madaalawaan dhiyeessuun gabaa tasgabbeessuu akka ta’e dubbataniiru.

Giddu galichi oomishaaleen qonnaa, indastirii, kuduraalee fi fuduraalee akkasumas bu’aaleen beelladootaa kan itti gurguraman ta’uus eeraniiru.

Adeemsi badhaadhinaa biyyattii hawaasni hundi fayyadamaa ta’uun misooma waaraa haqa hawaasummaa irratti hundaa’e mirkaneessuu akka ta’es ibsaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply