“Itoophiyaan dameewwan diinagdee ijoon guddina bu’aa qabeessa galmeessaa jirti” jedhan Ministirri Maallaqaa Obbo Ahimad Shideen.
Obbo Ahimad Shideen Daayirektara Itti Aanaa Dhaabbata Maallaqa Addunyaa Naayijel Kilaark waliin ta’uun miidiyaaleef ibsa kennaniin, deeggarsi misoomaa Itoophiyaan dhaabbaticharraa waggoota lamaan darban keessa argatte seenaa biyyattii keessatti isa guddaa ta’uu ibsaniiru.
Deeggarsa dhaabbatichaan hojiilee misoomaa Itoophiyaa keessatti hojjetamaa jiranii fi fooyyessii Diinagdee Gooroo ilaalchisee marii bu’aa qabeessa taasisuu kaasaniiru.
“Itoophiyaan yeroo ammaa kana dameewwan diinagdee ijoon guddina jajjabeessaa galmeessaa jirti” jedhan.
Itoophiyaan fooyyessa Diinagdee Gooroo guutuu ta’e hojiirra oolchuun isheen guddinni hundagaleessa galmaa’uu ibsan.
Daayirektarri Itti Aanaan Dhaabbata Maallaqa Addunyaa gama isaaniin, fooyyessii diinagdee mandhalee fi Riifoormii Diinagdee Gooroo Itoophiyaan hojiira oolchaa jirtu deeggaruuf dhaabbitichi murannoo qabaachuu mirkaneessaniiru.
Hirmaannaa hundagaleessa damee dhuunfaa guddisuu fi guddina waaraa mirkaneessuuf deeggarsi eegalame cimee kan itti fufu ta’uu dubbachuu isaanii odeeffannoon miidiyaa hawaasummaa ministeerichaa irraa argame ni mul’isa.