Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen bara haaraa faranjootaa 2026 ilaalchisuun ergaa baga geessanii dabarsan.

Aadde Adaanech miidiyaa hawaasummaa isaaniin “Ambaasaaddaroonni, dhaabbbileen idil-addunyaa fi michoonni Finfinnee jiraattan, baga bara haaraa 2026 nagaan geessan, barri haaraan kan nagaafi gammachuu akka isiniif ta’u maqaa koo fi maqaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetiin isiniif hawwa” jedhan.
Bara haaraa kanatti hariiroofi michummaa jiru caalmaan cimsuuf akka hojjetan himan.