Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee har’a ganama Mana Kitaabaa Abirahootitti argamuun hidhannoo dijitaalaa Mana Kitaabaa Abrihoot caalmaan kan fooyyessu Pirojektoota gurguddoo Sadii hojii eegalchiisaniiru.
Manni Kitaabaa Abrihoot Finfinneetti wiirtuu dubbisaafi qorannoo tahuun waggaa Afur lakkoofsisuu Kantiibaa Adaanech Abeebee ibsaniiru.
Manni kitaabichaa waggaatti giddugaleessaan dubbistoota Miliyoona 1.8’f tajaajila kennaa akka jiru eeruun, kana caalaatti ammayyeessuuf, sirna bulchiinsa mana kitaabaa qindaa’aa, mana kitaabaa dijitaalaa ammayyaa fi waltajjii qorannoo idil addunyaa (Research Portal) akka hojii eegalan taasifamuu ibsaniiru.
“Tajaajilootni kunneenis Abrihoot Finfinnee qofaatti akka hin daangofne haala mijataa uuma” kan jedhan Kantiibaan Finfinnee, barataanis ta’e qorataan kamiyyuu naannolee Itoophiyaa kam irraa iyyuu tajaajila dhiyaana beekumsaa kana irraa akka qooddatu kan taasisu akka ta’e kaasaniiru.
Dabalataanis, sanadootni seenaa gama dijitaalaan eegamanii dhaloota egereef akka dabarfaman bu’aa guddaa qabaachuu Kantiibaa Adaanech ibsaniiru.
Qaamolee qooda fudhattoota teekinooloojiiwwan kanneen misoomsuun gumaacha taasisan hundumaa galateeffachuu isaanii odeeffannoon miidiyaa hawaasummaa Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee irraa argame ni mul’isa.