AMN PLUS- Amajjii 27/2018
IGAD fi Itaaliin hariiroo michoomaa gama nagaa fi badhaadhinaa waggoota 40 waliin qaban daran cimsuuf waliigalaniiru.
Barreessaan Olaanaa IGAD Warqinaa Gabayyoo (PhD) fi Itoophiyaa, Jibuutii fi Sudaan Kibbaatti Ambaasaaddara Itaalii Seem Faabrizii waliin dhimmoota nageenyaa fi tasgabbii naannawichaan wal qabatu ilaalchisee mari’ataniiru.
Dabalataanis, anga’ootni lamaan akka dura taa’aa Yaa’ii Michoota IGAD’tti gahee dhaabbatichi qabu irratti waliin mari’ataniiru.
Mariin isaanii yaa’ii Afriikaa – Itaalii Finfinneetti dhiyeenyatti adeemsifamuuf jiru ilaalchisuun IGAD dhimmoota walooma naannawaa fi misoomaaf dursi kennamuuf itti fufsiisuu ilaalchisee akka hirmaatu ibsameera.
Itaaliin ALAtti bara 1986 irraa eegalee michuu bara dheeraa IGAD yoo taatu nageenyaa fi misooma biyyoota naannawaa deeggeraa akka turte odeeffannoon Waajjira Seekireetariyaatii IGAD irraa argame ni mul’isa.