AMN PLUS – Amajjii 29/2018
Baatiiwwan Jahan darban turistoonni biyya keessaafi alaa miiliyoona 4.9 Finfinnee daawwachuu Kantiibaa Adaanech Abeebee ibsan.
Aadde Adaanech gabaasa raawwii hojii baatiiwwan jahan darbanii Yaa’ii Idilee 2ffaa Bara Hojii 5ffaa Mana Maree Magaalaa Finfinneef dhiyeessaa jiru.
Bara 2018 walakkaa waggaatti turistoota miiliyoona 4.7 keessummeessuuf karoorfamee, miiliyoona 4.9 ol keessummeessuun danda’amuu ibsaniiru.

Kanaaf ammo ayyaanotni amantiifi addabaaba’ii akkasumas konfiransoonni idil addunyaafi misoomni magaalichaa turiistoota harkisuu eegaluu ibsaniiru.
Biyya alaarraa turistoonni kuma 700 ta’an Finfinnee kan daawwatan yoo ta’u, kunis raawwii bara darbee yeroo walfakkaatuun yoo wal bira qabamu %15 guddina agarsiisuu ibsaniiru.

Finfinnee Wiirtuu Turizimii Konfiransii taasisuuf hojiin misooma magaalaa haaressuuf hojjetame, akkasumas pirojektiiwwan meeggaa firii agarsiisuu eegaluus eeran.
Baatii jahan darban Konfiransiiwwan idil addunyaa 150 Finfinneetti keessummaa’uu ibsuun kan bara darbee %50’n caalmaa agarsiisuus himaniiru.
Waliigalaan dame Turizimiirraa mallaqni birrii biiliyoona 100fi biiliyoona 55 gara diinagdee magaalichaa seenuu addeessaniiru.
Tagany Bafiqaaduutiin