AMN PLUS-Guraandhala 26/2018
Waggoota dhiyoo asitti, hojiiwwan misoomaa damee garaagaraa keessatti hojjetaman ummata bal’aa fayyadamoo taasisuu bira darbee maqaa gaarii Magaalaa Finfinnee olkaasuun sadarkaa Afrikaa fi addunyaatti akka beekamtu taasiseera.
Damee ispoortii irratti xiyyeeffannaa guddaan kennamuun hojiiwwan misoomaa hojjetamuu isaatiin Itoophiyaan yeroo jalqabaaf dorgommii atileetiksi addunyaa Magaalaa Finfinnee keessatti qopheessuuf carraa argatteetti.
Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee tattaaffiin magaalattiin hariiroo idil-addunyaa cimsuuf, dippilomaasii ispoortii guddisuuf, akkasumas bu’uuraalee ispoortii babal’isuuf taasisaa jirtu amma bu’aa qabatamaa argamsiisuu akka jalqabe ibsaniiru.

Dorgommii kana keessummeessuun biyyattii qofaaf osoo hin taane ogeessota atileetiksiif carraa guddaa kan uumu yoo ta’u, maqaa Itoophiyaa waltajjii ispoortii addunyaa irratti caalaatti guddisuuf akka gargaarus himaniiru.
Ji’oota jahan darban keessatti Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee bu’uuraalee ispoortii 32 ijaaree ummataaf banaa kan taasise yoo ta’uu, magaalattiin babal’ina bu’uuraalee ispoortii irratti xiyyeeffannaa guddaa kennitee hojjechaa akka jirtu kan agarsiisuudhas jedhameera.
Haaluma kanaan, pirojektii haaromsaatiin Kaazaanchisitti paarkiin ispoortii ijaaramaa jiru yeroo dhiyoo keessatti xumuramee tajaajilaaf banaa ta’uuf qophaa’aa kan jiru yoo ta’u; kunis magaalaa keessatti iddoo ispoortii gosa akkanaa isa jalqabaa akka ta’es ibsameera.
Jiraattonni magaalaa, dippiloomaatonni, lammiileen alaa fi tuuristoonni Magaalaa Finfinnee keessa jiraatan, sababa bu’uuraaleen misoomaa ispoortii bal’inaan hojjetameef bakka jireenyaa isaanii, iddoo barnootaa, hojii fi bashannanaa keessatti sochiiwwan ispoortii garaagaraa irratti hirmaannaa isaanii akka dabalaanis dubbatameera.
Amma yeroo kana Magaalaan Finfinnee keessatti sochiiwwan ispoortii garaagaraa waggaa guutuu adeemsifamaa jiru kana waliin jireenya daldalaa magaalattii socho’aa ta’e akka jiraatu ta’eera.
Shumii Badhaasotiin