AMN PLUS-Bitootessa 20/2018
Feestivaalli Ispoortii Aadaa Biyyaalessaa 23ffaan sirna baniinsa isaa irratti keessummoota Federeeshinii Ispoortii Aadaa Afrikaa hirmaachiise Magaalaa Harariitti eegaleera.
Saganticharratti ergaa kan dabarsan Deetaan Ministira Aadaafi Ispoortii Obbo Makkiyyuu Mahaammad ispoortiin aadaa biyya beeksisuu keessatti qooda waan qabuuf mootummaan sonaalee turizimii keessatti hammachiisuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu himaniiru.
Gara Magaalaa fakkeenya waloomaa tokkummaa taate Harariitti baga nagaan dhuftan kan jedhan Pirezidaantiin Naannoo Hararii Obbo Ordiin Badirii hirmaattotni turtii isaanin iddoolee hawwata turizimii magaalattii keessatti argaman daawwachuun warreen biroof muuxannoo isaanii qoodan imaanaa jedhaniiru.
Feestivaala Ispoortii Aadaa kana adda kan taasisu hojii daangaa ce’aa, turizimii biyyaa jajjabeessu irratti xiyyeeffachuu isaati kan jedhan ammoo Pirezidaantii Federeeshinii Ispoortii Aadaa Itoophiyaa Aadde Hiwoot Mahaammad.
Waldorgommiin Ispoortii Aadaa qopheessummaa Federeeshinii Ispoortii Aadaafi Ministeera Aadaafi Ispoortiin qophaa’e kun hanga Bitootessa 27/2018 tti Magaalaa Hararitti Adeemsifama.
Gabaasni kan Misikkir Alamaayyooti