Paaspoortii Haaraan Itoophiyaatti oomishame ifoome

You are currently viewing Paaspoortii Haaraan Itoophiyaatti oomishame ifoome

AMN PLUS, Guraandhala 14, 2017

Paaspoortiin Haaraa fi ammayyaan Itoophiyaatti oomishame ifoomeera.

Paaspoortiin kun teeknooloojii ammaayyaan kan oomishame yoo ta’uu har’a Bakka Pireezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaaseen argamanitti ifoomeera.

Paaspoortiin Elektirooniksii kun hojiirra ooluun maqaa biyyaa ijaaruurra darbe gatiin lammiileef kenname olaanaa ta’uu agarsiiftuudha jedhan Pireezidaanti Taayyeen.

Paaspoortiin kun ragaa nama dhuunfaa fi ashaaraa qubaa kan qabu yoo ta’u, Viizichi Itiyoophiyummaa beeksiisu akka ta’e eerameera.

Hojiin Dizzaayinii isaa guutummaan guutuutti Mootummaa Itiyoophiyaan kan uwwifame ta’uus ibsameera.

Sharafa alaa biyyattiin kana dura Paaspoortii Maxxansuuf baasaa turte hambisuun gara galii maddisiisuutti kan ceesise ta’uu eerameera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply