AMN – Bitootessa 28/2017
Magaalaan Finfinnee magaalaa guddataafi ammayyaa’aa jirtu waan taateef tajaajila poolisii guddina magaalattiin gitu kennuun murteessaa ta’uu Komishinarri Komishinii Poolisii Finfinnee Geetuu Argaawu ibsan.
Komishiniini Poolisii Finfinnee hooggantoota giddu galeessaa qajeelchawwan Poolisii Kutaa Magaalaa 11 fi kutaawwan hojii giddu galeessaarra jiraniif leenjii kennuun raawwii riifoormii haaraa qorateera.
Bu’aawwan riifoormiin argamaniifi hudhaalee mudatan irrattis ibsi kennameera.
Xumura leenjichaarratti kan argaman Komishinarri Komishinii Poolisii Finfinnee Geetuu Argaawu kenniinsi tajaajila Poolisii itti quufiinsaafi miira tajaajiltummaa qabaachuu, gahumsa qaamaafi teeknolooijiin deeggaramuu qaba jedhan.
Hojiiwwan qonna magaalaa kutaawwan magaalichaa addaa addaatti eegalaman jiruufi jireenya miseensotaa fooyyessaa, fayyadamummaas mirkaneessaa waan jiraniif cimanii itti fufuu qabu jedhan.
Rakkoowwan naamuusaa miseensotaafi hooggansa Poolisii tokko tokko biratti mul’atu ilaalchisees badiiwwan mudatan sirreessuuf ni hojjetama jedhan.
Keessumattuu warreen kaayyoo Poolisiin itti dhaabateef ala socho’an irratti tarkaanfiin fudhatamu cimee kan itti fufu ta’uu himuusaanii Poolisii Magaalichaarraa odeeffanne.
Warreen tajaajila maallaqaan jijjiiran, matta’aa fudhatan, haqa dabsaniifi naamuusaa poolisiin ala socho’an irratti tarkaanfiin ni fudhatama.
Naamuusaafi gahumsa miseensotaafi hooggansa Poolisii ijaaruurrttis hojiileen eegalaman cimanii itti fufu.