AMN Plus- Onkoloolessa 10/2018
Sirni awwaalchaa Pirezidaantii Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa duraanii Muftii Haji Umar Idiris har’a sa’aatii 10tti akka raawwatamu Koreen Raawwachiiftuu Sirna Awwaalchaa beeksise.
Haji Umar akkaataa dhaamoo isasniin Magaalaa Finfinnee naannawa Hayilee Gaarmant Mazjiida duraan qur’aana itti barsiisaa turanitti sirni awwaalchasanii akka raawwatamu Korichi ibseera.
Sirni Solaatal Janaazaa Mazjiida waggoota dheeraaf itti barsiisaniifi naannawa Birbirsa Goorootti argamu Mazjiida Nuuritti guyyaa keessaa sa’aatii 6:00tti raawwatama.
Sa’aatii 8:00 irraa kaasee ammoo sirni gaggeessaa addaa Galma Barkumeetti bakka hoggantoonni mootummaa olaanoo argamanitti ni akka raawwatamu Korichi ifoomseera.