Fiilmiin “Abbaa Malkaa” Dilbata dhufu eebbifama

AMN PLUS, Guraandhala 13, 2017

Fiilmiin Afaan Oromoo “Abbaa Malkaa” jedhamu Dilbata dhufu Galma Tiyaatira Biyyaalessaatti eebbifama jedhame.

Barreessaafi Qopheessaan Fiilmichaa Leencoo Fiqiruun eebba fiilmichaa ilaalchisuun ibsa miidiyaaleef kennaniin, qabiyyeen fiilmichaa afoola, dhugeeffannaa fi beekumsa, akkasumas safuu fi duudhaa Oromoo irratti kan xiyyeeffate ta’uun ibsan.

Dabalataan fiilmichi Indaastirii fiilmii Afaan Oromoo daran guddisuuf kan kaayyeffate ta’uun eeraniiru.

Fiilmiin Abbaa Malkaa hirmaannaa barattoota Akkaadaamii Taatummaa Abbaa Lataan kan hojjetame ta’uu kan eere barreessaan Fiilmichaa akkaadaamichi hanqina Artii Afaan Oromoon furuuf kan hundaa’e ta’uu ibsaniiru.

Fiilmiin “Abbaa Malkaa” Dilbata dhufu Guraandhala 16, 2017, sa’aatii 7:30’tti bakka hayyoonni fi keessummoonni affeeramanitti galma Tiyaatira Biyyaalessaatti akka eebbifamu eerameera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply