Tajaajilli Odeeffannoofi Nageenya Biyyaalessaa dhimmoota tarsiimowaa nageenya Aviyeeshinii cimsuuf gargaaran irratti mari’achuun murtoowwan garagaraa dabarsuu beeksiseera.
Tajaajilichi ibsa miidiyaaleef ergeen Koreen Seekuriitii Siviil Aviyeeshinii Itoophiyaa dhimmoota haala yeroo biyyaalessaa , naannawaafi dhimmoota indaastirii Aviyeeshinii addunyaa ilaalchisuun qorannoo dhihaate irratti mari’ateera.
Nageenyi Aviyeeshinii biyyattii akkaataa madaallii idil addunyaafi dhaabbilee garagaraan amansiisaafi sadarkaa idil addunyaa kan eeggate ta’uu ragaawwan hedduun mirkaneessaa jiraachuu ibse.
Damich imala bu’a qabeessa taasisaa jiraatus amala addaa nageenya Aviyeeshiniifi walxaxaa ta’uurraa kan ka’e haalli nageenya biyyaalessaafi naannichaa kallattiinis ta’e kallattiin ala dorgomummaa Daandii Xiyyaaraa irratti dhiibbaa hin malle akka hin hordofsiisneef of eeggannoo gochuun akka barbaachisu Daareektarri Jeneraalaa Itti aanaa Tajaajila Odeeffannoofi nageenyaa Biyyaalessaafi walitti qabaan koree seekuriitii Siviil Aviyeeshinii Itoophiyaa Obbo Sisaayi Tolaa ibsaniiru.
Qaamoleen dhimmi ilaallatu qindoominaan hojjechuu cimsuufi dhimmoota tarsiimowaa irratti xiyyeeffannoo kennuun dammaqinaan waloon hojjechuun akka irraa eegamu hubachiisaniiru.
Fuula durattis sadarka indaastiriin Aviyeeshinii irra gahe eegsisanii itti fufsiisuuf human dhaabbilee qindoominaafi waloon fayyadamuun cimee itti fufuu akka qabu ibsuusaanii tajaajilicharraa odeeffanne.