Bakkeewwan hawwata tuuristii Hararitti daawwanne nu ajaa’ibsiisaniiru- Ambaasaaddaroota

You are currently viewing Bakkeewwan hawwata tuuristii Hararitti daawwanne nu ajaa’ibsiisaniiru- Ambaasaaddaroota

AMN PLUS-Sadaasa 23/2018

Bakkeewwan hawwata tuuristii Hararitti daawwanne akka isaan ajaa’ibsiisan ambaasaaddarootaafi bakka bu’ootni dhaabbilee idil-addunyaa garaa garaa ibsan.

Magaalaa Harariifi magaalota birootti misoomni kooridorii hojjatame miidhagaa akka ta’e dubbataniiru.

Jilli Ministira Tuurizimii Salaamaawit Kaasaan durfamu kun hawwattoota tuuristii magaalaa Harar keessatti argaman kanneen akka Goda Hambaa, Duudhaalee Sab-lammii Hararii, Ogummaa Ijaarsa manneenii durii, bu’aalee hojii harkaafi hambaalee hawaasaa daawwataniiru.

Keessumaa, hambaa idil addunyaa kan ta’e Jagool erga haaromfamee booda daran miidhagaafi hawwataa ta’uu ibsaniiru.

Itoophiyaatti Daayirektarri Waajjira UNESCO Riittaa Biisunaat (PhD) “hambaalee Harar qabdu daawwatamuu qaban daawwachuu keenyatti gammadneerra” jechuu isaanii odeeffannoon Komunikeeshinii Naannoo Hararii irraa arganne ni mul’isa.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply