Dargaggoota yunivarsiitiiwwan adda addaa irraa eebbifaman kuma 158 caalaniif carraan hojii uumamuun ibsame

You are currently viewing Dargaggoota yunivarsiitiiwwan adda addaa irraa eebbifaman kuma 158 caalaniif carraan hojii uumamuun ibsame

‎AMN PLUS-Sadaasa 24/2018

‎Ji’oota afran darbanitti dargaggoota fi dubartoota yunivarsiitiiwwan adda addaa irraa eebbifaman dabalatee dargaggoota fi dubartoota kuma 158fi 138’f carraan hojii dhaabbataan akka uumame Biiroon Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee beeksise.

‎Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee mata duree “Carraa Hojii Aduu Tokkoon” jedhuun Sagantaa sochii kalaqaatiin dargaggoota kuma 30 caalaniif damee adda addaa irratti sagantaa carraa hojii uumuu istaadiyeemii Finfinneetti taasiseera.

‎Sagantaa kana irratti Kantiibaa Adaanech Abeebee dabalatee hoggantoonni olaanoon Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee fi Federaalaa akkasumas dargaggootniifi qooda fudhattoonni argamaniiru.

‎Sadarkaa Itti Aanaa Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti Hogganaan Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Obbo Miliyoon Maatiwos dargaaggootniifi dubartoonni carraan hojii uumameef kunneen yeroo adda addaatti carraan hojii akka uumamuuf gaafachaa kan turaniifi gurmaa’anii osoo hojiitti hin galin kanneen turan akka ta’an ibsaniiru.

Bulchiinsi magaalichaa qaamolee dhimmi ilaaluufi dhaabbilee mootummaa carraa hojii uuman waliin ta’uun hojii fi bakka hojii akka argatan taasisuun carraan hojii lammiilee kuma 30 ta’aniif uumamuu dubbataniiru.

Biiroon kun waggaa waggaan namoota hojii barbaadan Kuma 300 ol ta’aniif akka fedhii isaaniitti leenjii teekinikaafi ogummaa kennuun qacarriifi gurmaa’insaan carraa hojii akka argatan taasisaa jiraachuu ibsaniiru.

Magaalaa Finfinneetti bara 2018’tti lammiilee Kuma 300 fi Kuma 50 caalaniif carraa hojii uumuuf karoorfamee hojjatamaa jiraachuu kan kaasan obbo Maatiwoos, baatiiwwan darban 4 keessaatti lammiilee Kuma 100 fi Kuma 58 ol ta’aniif carraan hojii uumamuu dubbataniiru.

Daraartuu Tarreessaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply