Hirmaannaa fi nageenya dubartootaa mirkaneessuuf hojjetamaa jira- Gamtaa Afrikaa

You are currently viewing Hirmaannaa fi nageenya dubartootaa mirkaneessuuf hojjetamaa jira- Gamtaa Afrikaa

‎AMN PLUS- Sadaasa 25/2018

‎Miidiyaalee Afrikaa keessatti hirmaannaa fi nageenya dubartootaa mirkaneessuuf hojjetamaa jiraachuu Gamtaan Afrikaa ibseera.

‎Yaa’iin dubartoota miidiyaalee Afrikaa har’a Magaalaa Finfinneetti eegalameera.

‎Yaa’iin kun mata duree “Waadaa Gara Hojiitti Jjjiiruu; Imaammata Nageenya Miidiyaa fi walqixxummaa Koorniyaa Mirkaneessu Bocuu fi Hojiirra Oolchuu” jedhuun kan adeemsifamu ta’uu ibsameera.

‎Yaa’icha irratti gaazexeessitoonni, ogeeyyiin imaammata baasaniifi teeknooloojii akkasumas hayyootni biyyoota Afrikaa irraa dhufan hirmaataniiru.

‎Yaa’iin kun hirmaannaa dubartootaa fi dargaggootaa miidiyaalee Afrikaa keessatti dabaluuf gahee guddaa akka qabu Gamtaan Afrikaa ibseera.

‎Madda: Gamtaa Afrikaa

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply