AMN PLUS – Guraandhala 26/2018
Fooramiin Dubartootaa Sirna Nyaataafi Qonnaa irratti xiyyeeffachuun guyyaa lamaaf turu Magaalaa Finfinneetti taa’amuu eegaluu IGAD beeksise.
Fooramiin Dubartootaa IGAD’n qophaa’e kun qaamolee imaammata baasan, dubartoota gaggeessitoota ta’an, qonnaan bultoota, dameewwan dhuunfaafi misooma irratti hojjatan hirmaachisuu IGAD ibseera.
Fooramii kana irratti dubartootaaf madda faayinaansii mijeessuu, walitti hidhamiinsa gabaa, odeeffannoo raaga qilleensaa akkasumas hoggansa sirna nyaataafi qonnaa irratti haala itti sona dabaluun bu’a qabeessa tahuun danda’amu bu’uureffatee adeemsifamuun ibsameera.
Baniinsa fooramii kanaa irratti haasawaa kan taasisan Daayirektarri Qonnaafi Naannoo IGAD Daaher Elmii ce’umsaa fi damdamannaa sirna soorataa mirkaneessuuf dubartoota aangessuun murteessaa ta’uu hubachiisuu ragaan dhaabbaticha irraa argame ni mul’isa.