Giiftiin Muuziqaa Maalii, Omaa Saangaaree hojiilee misoomaa Finfinneetti hojjataman daawwatte

You are currently viewing Giiftiin Muuziqaa Maalii, Omaa Saangaaree hojiilee misoomaa Finfinneetti hojjataman daawwatte

AMN PLUS- Mudde 1/2018

Giiftiin Muuziqaa Maalii, Artist Omaa Saangaaree hojiilee misoomaa Finfinneetti hojjataman daawwatteetti.

Badhaafamtuun “Grammy Award”, falmattuun mirga dubartootaa akkasumas beekamtii idil addunyaa kan gonfatte Omaa Saangaareen, hojiilee misoomaa Finfinneetti hojjataman daawwachuun dinqisiifatteetti.

Artistiin beekamtuun kun gama haadhaatiin, hidda dhiigaa Itoophiyaa akka qabdu kan dubbattu Saangaareen, Paarkii Inxooxxoo, Yaadannoo Injifannoo Adawaa, Bu’uuraalee misooma daandiiwwanii, paarkiiwwaniifi hojiilee misoomaa biroo daawwachuu ishee Waajjirri Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee beeksiseera.

Omaa Saangaareen waggaa 5 booda gara Itoophiyaa akka dhufte ibsuun, “jijjiiraman arge, magaalattiin ariitiin jijjiiramuufi humna keessaniin magaalaa kana fakkaatuufi gamoolee qulqullina qaban ijaaruu keessaniin isinin dinqisiifadha” jetteetti.

Guddina magaalaa Finfinnee waliin paarkiiwwan hedduufi iddoowwan bashannanaa hojjataman kan ajaa’ibsiifataman akka ta’an dubbachuu Odeeffannoon Biiroon Kominikeeshinii Finfinnee AMN Dijitaaliif erge ni agarsiisa.

Daawwannaa kana irratti artistootni biyyoota Afrikaa garaa garaa irraa dhufan, Tiktaakarootniifi namootni dhageettii guddaa qaban hirmaataniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply