AMN PLUS – Ebla 21/ 2018
Yuutuubarri beekamaa biyyoota garaagaraatti imaluun seenaawwan ajaa’ibsiisoofi imala isaa keessatti isa mudatan qoodu Piriins Hiivans tibbana Finfinneetti argamuun taajjabbii isaa mata duree “Addunyaan bakki kun Finfinnee ta’uu tasumaa hin amanu” jedhuun turtii isaa hawwataa ta’e hordoftoota isaaf qoodeera.

Finfinneen dhahannaa onnee Afriikaa taate magaalaa guddoo biyyattii fi Afriikaa ta’uu kan ibsu yuutuubarri beekamaan kun daandiiwwan bal’ina qaban lafa deemtotaaf hojjetaman irra asii achi maggaalaa bakkeewwan hawwatoo ta’anis daawwachiisa.
Piriins cal’uma jedhee miti daandiiwwan mimmiidhagoo Finfinnee irra imala osoo hin taane yeroo tokko biskileeta, yeroo biraa motora elektirikaa fayyadamaa ofii bashannanee hordoftootni isaa illee akka basha’an gochuuf yaala.
Cehumsa gama maraa magaalaan Finfinnee taasifte waggoota muraasa dura dhufee ture waliin wal bira qabee ajaa’ibsiifata, waraabduu suur sagalee isaan fudhatees daawwattoota isaaf qooda.

Ammayyummaan Finfinneetti mul’ate tasumaa kan hin yaadamne ta’uu kan kaasu Piriins daandiiwwan miilaa naannawaa qarqara laggeeniitti riqichaan ijaaraman irratti fuullewwan jajjaboo daandii nama qaxxaamursiisan kan arge magaalota addunyaa akka Singaaporii fi Tookiyoo keessatti ta’uu ibsa.
Laggeen waggaa sadan kana kuusaa balfaa ta’aniifi faalaman amma garuu iddoowwan miidhagoo magariisummaan faayaman, paarkiiwwan ajaa’ibsiisoo irratti ijaaramuun bakka bineensotni illee itti kunuunfaman ta’uu yaadannoo isaa waggaa muraasa dura tureen wal bira qabee madaala.
Finfinneen magaalaa egereef ammumaa onnattee hojjachaa jirtu ta’uu ishee warraaqsa konkolaataawwan elektirikaa adeemsisaa jiraachuu ittiin adeemaa kan ibse yoo ta’u bakkeewwan chaarjessa isaaniis ariitii ajaa’ibaan baay’achaa kan dhufan ta’uu hubachiiseera.

Haala Jireenya Ismaartii “Smart Living” jedhuun ibseen qarqara daandii taa’uun haala mijataa uumameen bilbila isaa shuboo elektirikaa malee chaarjeffataa mul’isuuf yaaleera. Kun Finfinneetti jireenya jiraatu isa sirrii ta’uu ibseera.
Finfinneen cehumsa si’ataa keessa jiraachuu konkolaataawwan elektirikaa, baaburoota sasalphaa akkasumas fayyadama teeknoloojii dijitaalaa kan ittiin kaffaltii raawwatan “QR CODE” fi kanneen biroon akkasumas qulqullina ajaa’ibsiisaa magaalattii irraa hubachuu akka danda’e dubbata.
Maal kana qofa magaalattiin handaara aadaan simannaa keessummaa adda itti ta’e jechuun jiraattota magaalattii galateeffata. Waanuman manakoo jiru natti fakkaate jechuun jaalalaa fi kabaja jiraattotni Finfinnee itti agarsiisan ibsa.

Bakkeewwan bashannanaa haga nyaata aadaatti, daandiiwwan koriidarii Finfinnee haga qarqara laggeeniitti, hambaawwan seenaa akka Yaadannoo Injifannoo Adawaa haga Godaambaa Saayinsiitti daawwachuun Finfinneen seenaa fi aadaa biyyattii saayinsii fi teeknoloojii ammayyummaan ittiin mirkanaa’een walitti fiddee cehaa jiraachuu hordoftoota isaa Kuma 127 ol ta’aniif qooduun namoota hedduunis ilaalamuun yaada qajeelaa itti argateera.

Tajaajila Buufata Poolisii Ismaartii Finfinnee kan daawwate Piriins, magaalaa guddoo keessaas bahuun naannolee Itoophiyaa garaagaraa daawwachuun muuxannoo isaa kutaa lamatti qooduun toora yuutuubii isaan dabarseera.
Dhugumatti Finfinneen cehumsa ajaa’ibsiisaa irra jiraachuu irra darbee fakkeenya ammayyummaafi imala badhaadhinaa magaalota addunyaa biroof ta’uu irra geesseetti.

Miidhagina, hawwatummaa, simboo fi magariisummaan ishee qalbii hawaasa idil addunyaa ofitti harkisuun hedduun jaalala isheen booji’amanii dhufanii yoo daawwatan ammoo aadaa keessummeessa jiraattota isheen caalaatti hawwatamanii deebi’anii dhufuuf hedduun waadaa galaniiru.

Gaggeessitootni biyyootaa, hayyootniifi tarsiimoo baastotni, gaazexessitootni, ispoortessitootniifi namootni aartii, namootni bebbeekamoo fi dhageettii qaban akkasumas qaamoleen hawaasa idil addunyaa garaagaraa Finfinnee daawwachuun dhugamatti iyyuu magaalaa jijjiirama si’ataafi waaraa akkasumas ammayyummaa fakkeenya ta’u keessa jirtu ta’uu ishee mirkaneessaa jiru.
Malkaamuu Abbabaatiin qindaa’e