Itoophiyaan Yunivarsiitii Hubannoo Nam-tolchee (AI) ji’oota 6’n dhufu keessatti ijaaruuf qophaa’aa jiraachuu Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) ibsan.
Yunivarsiitichi waggaatti eebbifamtoota 1000 baasuuf kan karoorfate yoo tahu, barattoota Afriikaaf barnoota bilisaallee akka kennu ibsan.
Biyyoota Afrikaa hunda irraa barattootni lama lama waliigalaatti barattootni 100 ol carraa barnoota bilisaa kana akka argatan karoorfamuu Dooktar Abiyyi ibsaniiru.
Ministirri Muummee waraqaa qorannoo kabaja waggaa 75ffaa Yunivarsiitii Finfinnee irratti dhiyeessan irratti kana yoo ibsan, barattoota qormaata darbaniif carraan kun akka kennamu ibsaniiru.
Itoophiyaan Yunivarsiitii AI banuudhaan Yunivarsiitii AI Mohaammad Bin Zaayid Abudaabiitti banametti aanuun, addunyaarraa biyya 2ffaa taati jechuun dubbataniiru.
Kanaaf, addunyaa warraaqsa indastirii 4ffaa irratti argamtu faana qixa tarkaanfachuurra darbee dursanii argamuun akka barbaachisu Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) waltajjii Sagantaa kabaja hundeeffamaa waggaa 75ffaa Yunivarsiitii Finfinnee irratti waraqaa qorannoo dhiyeessaniin qabanii kaasaniiru.
Malkaamuu Abbabaatu Qindeesse